‘Soba adii Getaachoo Raddaa’-Dr.Laggasa Tulluu

 


Ministirri tajaajila komunikeeshinii Mootummaa Dr.Laggasa Tulluu Ob.Getaachoo Raddaa Naannoo Affaar keessaa guutummaatti baaneerra jechuun kan ibse soba adiidha jedhaniiru.

Oduu himaan garee shororkeessaa Getaachoo Raddaa ibsa kaleessa Rooyitarsiif kenneen Naannoo Affaar keessaa guutummaatti baaneerra jechuunsaa gabaafamaa ture.

Hidhattoonni garee shororkeessaa Irrabtii keessaa saamicha raawwachuun ba’e malee aanaalee naannoo Affaar kanneen biroo humnaan qabatan keessaa hin baane jedhaniiru Dr.Laggasan

Guutummaatti baasuu miti,inumaatuu iddoowwan tokko tokkoon hidhattoota isaanii dhiyeessaa jiru jedhan ministirichi.

Hawaasa idil Addunyaafi jiraattoota naannoo Tigraay burjaajessuuf ololaa jiru malee aanaaleen Affaar humna shororkeessaadhaan qabaman gadi hin lakkifamne jedhaniiru ministirichi.

Hawaasa isaaniitiif yaadu yoo ta’e iddoowwan waldhabdeedhaaf haala mijeessan keessaa ba’uu akka qabaniifi hawaasni idil addunyaatis dhibbaa taasisuu akka qabu ministirichi dubbataniiru.

Gargaarsi namoomaa gara Tigraayitti fe’amaa jiru hawaasaaf dhiyaachuufi dhiisuusaa mootummaan Itiyoophiyaa waan ittiin mirkaneessu hin qabu,kana hordofuu kan qaban dhaabbilee gargaarsaa hojicha hojjechaa jiran akka ta’an Dr.Laggasan eeraniiru.

Konkolaattoonni gargaarsa geessan kuma 1fi 25 hin deebine,kaayyoo maaliitiif oolaa akka jiranis wanti ittiin mirkanaa’u hin jiru jedhan.

Ministirri tajaajila komunikeeshinii mootummaa Dr.Laggasa Tulluu odeeffannoo kana ibsa galgala kana bilbilaan EMS’f kennaniin kan himan yoo ta’u dhimma tarkaanfii shanee irratti fudhatamaa jiru irrattis yaadasaanii kennaniiru.

አስተያየቶች

ከዚህ ጦማር ታዋቂ ልጥፎች

Ministiroota Itiyoophiyaa har'a muudaman

Ibsa Dhaabbatummaa Dh.D.U.O

Obbo Muktaar Kadir pireezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa ta’uun lammata filataman