Jalqabbii gaarii dhaabbilee miidiyaa

 



Dhaabbileen Miidiyaa qorannaa gaazeexesummaan (Investigative journalism) jalqabbii gaarii agarsiisa jiru jedhameera

Dhaabbileen miidiyaa tokko tokkoo yaada kennaniin, dhaabbileen miidiyaa gabaasa qorannaa gaazexesummaan jalqabbii gaarii agarsiisaa jiraachuu himameera.

Daayreektarri olaanaan Oromiyaa Biroodkaasiingi Neetwoorki(OBN) Gaazeexeessaa Zinaabuu Asraat akka himanitti, hojiin gabaasa qorannaa gaazexesummaan eeggalame jalqabii gaarii agarsiisaa dhufeera.

OBNis qorannaa gaazexeesummaaf(Investigative journalism) xiyyeeffannoo kennuun hojiilee gara garaa hojjechaa jira jedhan.

Akka Gaazxeessaa Zinaabuun ibsanitti, qorannaan gaazexesummaa OBNitti sagantaa ”CAAYAA”n uummataaf darbaa jiraa.

Sagantiichis hoggantoota, jirattoota, waldaalee shamaattootaa, daldaltoota oomisha dhoksanifi abbootii qabeenya irratti xiyyeeffannoo kenne hojjechuun jijjiirama bu’uura fidaa jiraachuus himaniru.

Sagantaa ‘Caayaa’ uummataaf dabarsuun hawaasnis komii isaa hoggantootaaf, Abbootii qabeenya, hoggantoota waldaalee Shamaattootaa, dhaabbilee al-ergifi raabsitootaaf dhiyeessuun qorannoo gaazexesummaaf xiyyeeffannoo kennuun irratti hojjetamaa jira jedhaniiru.

Sagantiichaanis hoggantoonnifi namoonni dhuunfaa gaaffii hawaasaa irra ka’eefi deebii itti ni kennuu, dogooggoora isaani amanuun akkasumas namoota ragaan irratti argame akka itti gaafataman ni taasisas jedhaniiru.

Caayaan magaaloota Oromiyaa Baaleefi Asallaatti rakkoo dhaabbileefi hoggantoota biratti mul’atu saaxilus himaniiru.

Gaazexessitoonni sagantiicha hojjechaa jiranis dhiibbaa hedduun irra gahuus kan himan Gaazxeessaa Zinaabuun, gaazexessitoota kanarras araabsoo hanga miidhaa qaama hoggantoota, abbootii qabeenyaa,daldaltootafi jirattootaan irra gahuus himaniiru.

Qopheessaan olaanaa garee gabaasa qorannaa gaazexesummaafi Dokumantarii FBC obbo Shiibashii Alamaayyoo gama isaaniin, FBCn qorannaa gaazexesummaa Raadiyoon, TVfi miidiyaa diijitaalaan duraanuu hojjechaa turuu himuun, ammas gama hundaan FBCn cimsee itti fufeera; jijjiiramni gaariis mul’ataa jira jedhan.

Dhaabbileen mootummaas hojiichi ajandaa mootummaa ta’u beekuun yeroo gaafataman tole jechun, fuula gaarii agarsiisanis odeeffannoo kennuf irratti ammaa iyyuu rakkoon jira jedhan.

Hawaasnis sodaa tokko malee saaxilu jalqabeera, shirrii ifatti wayita saaxilamus kan barsiisu ta’as jedhaniiru.

Yuunvaarsiitii Finfinneetti Gargaaraan Piroofeesaaraa Muummee Gaazeexesummaafi Komunikeeshinii Dr. Tashaagar Shifaraaw akka ibsanitti, hojiin qorannoo Gaazeexeesummaa gufuu hedduu qaba; maddeen odeeffannoo ni dhoksu, odeeffannoo dhokate baasuuf gahuumsi gaazxeessichaa ni murteessas jedhaniiru.

Namoonni gabaasa qorannaa gaazeexesummaaf ilaalchaa dogoggoora yeroo kennaan mul’ata, karaa itti aangaa'oonni Olaanoo aangoo irrra kaafaman jechun yaadu jedhan, garuu hojiin qorannaa gaazexesummaa kanarraa addaa jedhu Dr. Tashaagar.

Qorannaa Gaazexesummaatin jireenya uummataa kan jeequu, hojiimaata badaa, malmaaltummaafi hanni ummata burjajjeessan hunduu itti hojjetamaas jedhaniiru.

Gabaasni qorannaa gaazexesummaa akka hojjetamu yoo barbaadamees gaazexessitootaf yeroo kennufi deeggaru ni barbaachisa; kan malees dhaabbileefi aangaa'oonni olaanoo dhaabbilee miidiyaaf odeeffannoo akka kennan taasisuun ni barbaachisaas jedhan Dr. Tashaagar.

Maddi:Dhaabbata pireesii Itiyoophitaa(DHPI)

 

 

 

 

 

 

አስተያየቶች

ከዚህ ጦማር ታዋቂ ልጥፎች

Ministiroota Itiyoophiyaa har'a muudaman

Ibsa Dhaabbatummaa Dh.D.U.O

Eessa turre,Maalirra Geenyeerra? Kutaa 4ffaa