Ibsa ejjennoo mootummaa Naannoo Oromiyaa
Haala yeroo irratti ibsa ejjennoo
mootummaa Naannoo Oromiyaa balballoomsu
“Qormaata biyyaalessaa olola hintaaneen
gufachiisuuf yaaluun dorgomummaa sirna federaalizmii keessatti ummatni Oromoo
qaburratti haleellaa aggaameedha”
Biyyi
keenya biyya waggoota dheeraadhaaf saboonni sablammooniifi ummatoonni ishee
cunqursaa hammaataa,duubatti hafummaafi hiyyummaa keessatti kufanii itti
turanidha.Keessaahuu ummatni Oromoo cunqursaa dachaa irra tureen, eenyummaan
sbummaasaa dhokatee biyya ofiisaa ijaare keessatti akka lammii lammaffaatti
akka ilaalamu sirna gita bittoota nafxanyaatiin itti murtaa’e ture.
Carraa
barnootaa akka hin arganne karaa hundaan karra itti cufaa kan turan sirnootni
kun ummatni kun dammaqinni sammuusaa yoo dabale isaaniif sodaa akka ta’e yeroo addaddaa ifatti kaasaa
turan. Sirna cinqursaa kana yeroo dhumaaf dhabamsiisuuf Qabsoon ummatni Oromoo
sabootaafi sablammoota biroo wliin taasise injifannoodhaan xumuramee Caamsaa
20/19883 irraa kaasee gaaffileen gama hundaan kaasaa tures guutummaatti akka deebi’uuf
ta’eera.
Aarsaa
lubbuu ilmaansaa kanfalaniin afaansaan baratee, seenaasaa qoratee, teeknoolojii
addunyaarraa waraabee daandii badhaadhinaatti cehuuf imaluudhaaf kan isa
dandeesisu sirna federaalawaa dimokraatawaa fedhiisaatiin ijaarrateera. Akkuma
kaleessaa Itoophiyaa haarawa sabboonummaa dimokraasitiin dagaagdeefi walqixa
keessatti dorgomuuf carraan argame uumudhaaf halkanii guyyaa carraaqaa jira.
Gama
barnootaatiin injifannoowwan waggoottan 25’n darban galmeessisne hirmaannaa
ummata Oromoofi Mootummaa isaatiin akka ta’e beekamaadha. Manneen barnootaa
babal’isuudhaan lammiilee miiliyoonotaan lakkaa’aman carraa barnootaa sadarkaa
ol’aanaa akka argatan taasisuu danda’ameera.
Har’a kollejjotaafi Yunivarstiiwwan
45 akka biyyaatti jiran keessaa Yunivarstiiwwan 10 kan ta’an Naannoo keenya Oromiyaa
keessatti argamu.Lammiileen askeessaa bahanis dirree hundatti dorgomaa akka
jiran qabatamaan agarreerra.Sirna darbe keessatti barattoota lakkoofsi isaanii
miliyoona 2.1 ture, amma miliyoona 28irra gaheera.
Har’a waggaa tokko keessatti
daa’imman miliyoona tokko ta’an carraa barachuu argataniiru.Ummata biyya
keenyaa keessaa %30 banoota irratti argama.Waggoottan sirna dimokraatawaafi
misoomawaa waliin ummatni keenya dabarse keessatti injifannoowwan galmaa’an kun
akkuma eegamanitti ta’ee, imala haaromsaa kana keessatti gufuuwwan gara garaa
quunnaamaa turanis salphaatti kan ilaalaman miti.
Fedhiin
mootummaan lammiileen naannoo keenya keessa jiraatan carraa barachuu, beekumsaan
dagaaguufi kalaqaan sammuusaanii dabalee dorgomaa ta’an baay’inaan
horachuudhaaf qabu ol’aanaadha.Kanaafis dirreen barnootaa kan nageenyi itti
mirkanaa’eefi fedhiin barachuu ilmaan Oromoo daran akka dabalu gochuuf qabu
mirkaneessuudhaaf tattaafataa tureera.Taattaaffisaa kana ammas itti fufeera.
Haa
ta’u malee haalota yeroo gara garaa uumamaniin dirreen baroota naannoo keenyaa iddoo
muraasatti jeequmsi kan itti baay’atuufi humnootni gara garaa kayyoo
isaaniirraa ka’uudhaanis damee kanarratti xiyyeeffachaa turuunsaanii
beekamaadha.
Bara
kanas gaaffilee bulchiisa gaariifi misoomaa ummatni bal’aan qabuun dahoo
godhachuudhaan barataan Oromoo tasgabbaahee barnoota akka hin hordofne,
bu’uraalee barnootaa maatiinsaa hirmaannaa ofiitiin ijaare mancaasuu keessatti
akka hirmaatu kakaasii godhamaa tureefi badiin dhaqqabe yaadannoo baatiwwan
muraasaati.
Haala kana tasgabbeessuudhaaf mootummaafi ummatni Oromoo
tarkaanfiwwan fudhatan milkaa’inaan xumuramanii yeroo ammaa qormaata
biyyaalessaa kennuudhaaf qophiin xumurameera.Barnoota torbeewwan muraasaaf
addaan citee ture bakka buusuudhaafis caasaan barnootaa sadarkaan jiru tumsi
gochaa ture ol’aanaa akka ture mootummaan nihubata.
Kana
malees barattoonni Oromoo ergaawwan dachaa kan isaanirra jiru ta’uusaa
hubachiisuudhaan gaaffiiwwan akka lammiitii qaban hunda qajeeltoo dimokraasii
heerri biyya keenyaa hayyamuun tarkaanfachiisuun akka danda’amu, mootummaanis
gaaffii karaa nagaafi tasgabbii qabuun ka’uuf ummata bal’aa hirmaachisee deebii
akka kennu, dargaggoon har’a dirree barnootaatti rakkoolee addaddaa dandamatee
yoo barate qofaa badhaadhina naannoofi biyya keenyaa fuulduratti
tarkaanfachiisuun akka danda’amu hubannoo uumudhaan yeroo waliigalteerra
gahamerratti argamna.
Haa
ta’u malee ammas humnootni misooma, guddinaafi toora haaromsaa keenya
diigudhaaf qabatamaadhaan sosochii gochaa jiran barataan Oromoo qormaata akka
hin fudhanne kakaasuurratti argamu.Hiikkoon duula kanaa akkuma kaleessa
humnootni doofummaa ilmaan Oromoo hawwan ummatni Oromoo yoo dammaqina sammuu ol’aanaarra
gahe hin jiraannu jedhanii carraa barachuusaa ukkaamsaa turan ati hin baratin,
hin qoramin, ati du’i nutuu siif baranneerra waan ta’eef sibulchinaati jedhanii
kakaasuudhaan har’as duubatti hafummaa fi gadadoo ummata keenyaa arguuf guyyaa
adiin habjoochaa jiru.
Barattoonni Oromoofi maatiinsaanii hundi dhugaa kana kan bira
gahan waan ta’eef qormaatni biyyaalessaa karaa nagaafi tasgabbaahaadhaan akka
gaggeeffamu taasisuudhaaf qophii xumuraniiru.Qormaata biyyaalessaaa kutaa
8ffaa,10ffaafi 12ffaa walduraa duubaan kennamu keessatti gahumsaan hirmaachuudhaan
carraa dorgomummaa sirna federaalawaafi dimokraatwaa keessatti heerri keenya
ummata keenya gonfachiisetti fayyadamuudhaaf ummatniifi caasaan barnootaa
sadarkaan jiru tumsa ol’aanaa gochuurratti argamu.
Kanaafuu mootummaan naannoo
keenyaas qormaatni kun karaa nagaa qabeessaafi tasgabbaahaadhaan akka fudhatamu
qophii barbaachisaa ta’e hunda xumureera.Toora haaromsaa keenya milkaa’inaan
xumuruu keessatti ga’een milkaa’ina barnootaa
murteessaa akka ta’e hubatamee sammuu qaroomeen dorgomaa ta’anii ijaarsa
biyya keenyaa keessatti ga’ee bahachuu qaban akka milkaa’u qaamni hunduu
hirmaannaa isaa taasisuudhaan lammii dammaqina sammuutiin dagaage horachuudhaan
biyya badhaatuu ijaaraa jirru keessatti qoodasaanii gumaachuu qabu.
Caamsaa
16/2008
Finfinnee
B.DH.K.M.N.O
አስተያየቶች
አስተያየት ይለጥፉ