Barreeffama haala yeroo irratti ejjannoo Mootummaa Naannoo Oromiyaa balballoomsu

“Gochaan hanna qormaata biyyaalessaa raawwatame gantummaa biyyaafi  egeree dhaloota borii irratti yakka aggaamemedha!”

Seenaa biyya keenyaa keessatti duubatti hafummaafi wallaalummaan godaannisni ummata keenyarratti gatanii darban qabsoo har’a deega maqsuu dabalatee gageessaa jirru daran dhimmoota ulfaataa taasisan akka ta’e ummatni naannoofi biyya keenyaa haalaan hubatu. 


Mootummaan sirna federaalawaa dimokraatawaafi misoomawaa yaa ta’uu ummataafi heeraan ijaarame fedhiifi faayidaa ummattoonni biyya keenyaa sirna dimokraasii keessatti argachuu barbaadan kan ittiin ibsataniifi mirkaneeffatanis godaannisa kana hundeerraa dhabamsiisuuf akka ta’e beekamaadha. Waggoottan 25’n dabran keessa mootummaan Naannoo Oromiyaas ta’e biyya keenyaa jijiiramni bu’uraa damee barnootaarratti fiduudhaaf tattaafiin taasisaniifi bu’aa ba’iin keessa dabarsan hangam takka wareegama akka gaafate ragaan ummata naannoo keenyaati.Hooggansi damee barnootaa kennamaa ture bu’uraalee misoomaa damichaa babal’isuu fi, carraa barnootaa ilmaan Oromoo jaarraa hedduudhaaf dhabanii duubatti hafummaafi hiyyummaaf itti saaxilaman keessaa baasuuudhaan injifannoo dachaa gonfachiisuu danda’eera. Har’a ijoolleen Oromoo miiliyoona saddeetii ol ta’an waggaatti carraa barumsaa akka argatan biyya itti taasifamaa jiru, Barattoonni kuma dhibboota hedduutti lakkaa’aman carraa barnoota ol’aanaa argachuu akka danda’an biyya itti taasifame, koolleejjotaafi yunivarstiiwwan 45 olitti lakkaa’aman Naannoo Oromiyaa keessatti qofaa akka ijaaraman itti taasifamedha.Bu’aan kun seenaa kaleessaa geeddaruudhaan biyyaafi dhaloota haarawaa addunyaa fuulduratti mataa olqabatee tarkaanfatu uumudhaaf kutannoo mootummaan qabuun kan dhufedha.

Humnootni badiifi gantummaa biyyaa raawwataa jiran guddina, misoomaafi ijaarsa sirna dimokraasii keenya gufachiisudhaaf gochaawwan badii garaagaraa keessumaa ummata Oromoo irratti aggaamaa turan ummatni naannoofi biyya keenyaa onnee guutuudhaan fuuldura dhaabbachaa, dogoggora uumame sirreessaafi toora sirrii qabachiisaa akka har’a gahan beekamaadha. 

Keessumaa Naanoo Oromiyaafi kallattiidhaan ummata Oromoorratti aggaamiwwan raawwataman cunqursaa dachaa kaleessaafi gabrummaa sirnoota gita bittaa nafxanyaatiin gageeffamaa ture duubaan deebisuudhaaf kan karoorfataman akka ta’eefi ummanni naannoo keenyaas akkuma kaleesaa qabsoo wareegama hadhaawaa gaafateen injifachaa as gaheera.

Bara kanas rakkoolee bulchiisa gaariifi gaaffii misoomaan walqabatan ummatni naannoo keenyaa mootummaa isaatiif dhiyeesaa ture jal’issuufi daran fiixee hin malletti baasuudhaan humnootni badii kun dirree barnootaa jeeqaa bahaniiru. Jeequmsa kanas faayidaan dhumaa isaa diigicha biyyaa akka ta’e hubachuudhaan ummatni Oromoo daangaa hanga daangaatti fuuldura dhaabachuun tasgabbeeseera. Mootummaa ofiisaa ijaare gaafatamaa gochuu akka danda’uufi deebii dimokraatawaa argachuu akka danda’us irraa barateera. Dogoggora deemsa keessa akka ummataattis ta’e qaama hawaasaatti uumerraas akkasuma baruumsa fudhatee darbeera.

Mootummaan Nannoo Oromiyaa gaaffii barataan, qonnaan bulaan, jiraataan magaalaafi qaamoleen hawaasaa hundi rakkoo bulchiisa gaariifi misoomaarratti qaban kabajaafi ulfina guddaan fudhatee sirreessuudhaaf ummata hirmaachisuuf waadaa galeera.Waadaa isaas hojii qabatamaan agarsiisaa jira. Dirreen barnootaa akka nagaafi tasgabbii horatu humna guutuun hojjechaas jira.

Haalli kun kanaumaan osoo jiruu qormaata biyyaalessaa karaa naga qabeesaafi tasgabbaahaadhaan keennuudhaan barataa Oromoo carraa dorgomummaa walqixaa naannolee biraa waliin qabu akka hin dhabne ofeeggannoo cimaadhaan hojjetamaa wayita jitutti humnootni badii diigicha dhaloota Oromoof kaleessa kaayyeffatan kunoo guyyaa har’aa sadarkaa biyyaalessaatti olguddisuudhaan gochaa hanna qormaataa kutaa 12ffaa ol’aantummaadhaan gageessuudhaan, biiftuun dhaloota abdii boruu wayita dukkanooftu gammachuudhaan dhiichisuudhaaf carraa godhatanii  dhaadachuurratti argamu.

Gochaan kun dhalootaafi biyya diiguudha. Egeree biyyaalessaa ummata Oromoo fuuldura dhaabachuudhaan jireenya ofii dafqa ilmaan Oromootiin ijaarrachuudhaaf gochaa raawwatame akka ta’e ummatni naannoo keenyaa nihubata. Mootummaan naannoo keenyaa qormaata ummata Oromoo qunnamaa ture hundaa biilchinaaf gahumsa cimaadhaan keessa darbaa akkuma ture gonkumaa egeree biyyaa dukkaneesudhaaf warra kufanii ka’an kanneeniif carraa akka hin kennine mirkaneesuu barbaada.

Ummatni naanoo keenyaas doofummaa, wallaalummaafi duubatti hafummaa dhalootarratti fe’uudhaaf sosochii godhamu kana hadheeffatee sadarkaa hundatti balaaleffachuu qaba. Barataan Oromoo carraa isaa dukkaneessuudhaaf warra fiiganii gufuu jala danqaran kanneen hadheeffatee balaaleffachuun irraa eegama.

Mootummaan badii raawwatame kana tasuma akka hin dabalamneef hojjechuu cinaatti hooggnasa misoomawaa kennuun yeroo gabaabaa keessatti qormaata qopheessuudhaan barataan Oromoofi biyyaalessaa egereen isaa akka hingufanne halkanii guyyaa akka hojjetu  mirkaneesuu barbaada. Humnoota badii gochaa qaanesaa kana raawwatanis araarama tokko malee qoratee yakka gantummaa biyyaatiin seeratti dhiyeessuudhaaf kutannoo qabu ibsa.

Caasaan barnootaa, maatiin barattootaafi barataan naannoo keenyaa gochaan raawwatame kun egeree naannoo keenyaa badhaadhinarraa duubatti deebisuu kan kaayyeffate ta’uusaa hubachuudhaan sirreeffama mootummaan fudhatu onnee guutudhaan deeggaruun irraa eegama.Ummatni naannoo keenyaas akkuma kaleessa gochaa ture barnootni isaaf lubbuu misoomaa ta’uusa hubachuudhaan gochaa humnootni badii dirree kana keessatti raawwataa jiran gonkumaa imala haaromsa keenya gufachiisuu akka hindandeenyeefi gochaa isaanitiin qaanii akka uffatan itti agarsiisuudhaaf irree tokkoon qabsaa’uun irraa eegama.

BDHKMNO
Caamsaa 22/2008

Finfinnee

አስተያየቶች

ከዚህ ጦማር ታዋቂ ልጥፎች

Ministiroota Itiyoophiyaa har'a muudaman

Ibsa Dhaabbatummaa Dh.D.U.O

Obbo Muktaar Kadir pireezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa ta’uun lammata filataman