Oromiyaati balaan lolaa lubbuu lammiiwwan 28 galaafate

Oromiyaatti balaa lolaatiin lubbuun Namoota 28 hanga ammaatti darbeera,abbootiin warraa kuma 58  ga’an ammoo akka malee miidhamniiru.


Balaan lolaa tibbaana mudate kun jiraattoota Naannoo Oromiyaa lokkoofsaan kuma 300 ga’an gargaaramtummaadhaaf saaxileera.

Balaan aanaalee 23 godina Baalee,Arsiifi Arsii lixaa akkasumas  Harargee bahaafi lixaa,Booranaafi Gujii keessatti argaman miidheera.

Balaa lolaa sababa Laalinaatiin mudate kanaan beeyiladoonni lakoofsaan kuma 6 caalanis akka dhuman hoogganaan biiroo dhimmoota koomunikeeshinii Mootummaa Naannoo Oromiyaa obbo Fiqaaduu Tasammaa ibsa har’a Gaazeexeessitootaaf kennaniin beeksisaniiru.

Manneen jireenyaa qonnaan bulaafi horsiisee bulaa kuma 1fi 700 caalanis barbadaa’aniiru,Daandiin cufameera.


Mootummaan Naannoo Oromiyaa lammiiwwan balaa kanaan miidhamniif gargaarsawwan gara garaa dhiyeessaa akka jirus himameera.

Humnoonni badii dhiphoonniifi of tuultoonni taayitaadhaaf rom'an amma waaqa komatumoo ADWUI qeequree laata?

Balaa hoongee lammiiwwan keenya mudate soba beelatu mudate mootummaan nyaata dhiyeessuu hin dandeenye jechuun ololaa kan jiran humnoonni kun olola sobaa afarsuudhaan ala haalli lammiiwwan ittiin dhaqqaban hin turre.ammas dhaqaabuu hin danda'an.Lammiiwwan keenya balaa lolaatiin miidhamanis mootummuma qeeqamaa jiru kanaan gargaaramaa jiru.

አስተያየቶች

ከዚህ ጦማር ታዋቂ ልጥፎች

Ministiroota Itiyoophiyaa har'a muudaman

Ibsa Dhaabbatummaa Dh.D.U.O

Obbo Muktaar Kadir pireezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa ta’uun lammata filataman