Gootota keenyaaf kabaja ol'aanaa qabna

Pireezidaant Dr. Mulaatuu Tashooma dhaloonni ammaa hiyyummaa moo'achuudhaan seenaasaa galmeessisuu akka qabu hubachiisan.

Pireezidaantichi sirna ayyaana inifannoo waggaa 75ffaa gootota Itiyoophiyaa durii har'a siidaa injifannoo Araat kiilootti argamutti kabajame irratti argamuudhaan haasawa dhageessisaniin dhaamsa baga geessan jedhu dabarsaniiru.

Gootonni Itiyoophiyaa durii raayyaa Xaaliyaan meeshaa waraanaa hammayyaa'aa hidhate jilbiinfachuusuudhaan seenaa yoomiyyuu boonsaa ta'e akka galmeessisan yaadachiisuun dhaloonni Dargaggoon seenaa gootota durii kana hiyyummaa moo'achuun dabaluutu irraa eegama jedhan.

Ayyaanni injifannoo waggaa 75ffaa baranaa kun haala addaatiin qophiiwwan adda addaatiin kabajamaa akka ture ni yaadatama.Warqaawwan qorannoo gara garaa gootummaa gootota keenyaa irratti xiyyeeffatanis waltajjiif dhiyaatanii mari'atamaa ture 

አስተያየቶች

ከዚህ ጦማር ታዋቂ ልጥፎች

Ministiroota Itiyoophiyaa har'a muudaman

Ibsa Dhaabbatummaa Dh.D.U.O

Obbo Muktaar Kadir pireezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa ta’uun lammata filataman