Yaa`iin Liigii Dubartoota Dh.D.U.O 3ffaan har’a eegalameera

Yaa`in dhaabbattummaa liigii dubartoota DhDUO 3ffaan har`a magaalaa Adaamaa Galma Abbaa Gadaatti gaggeefamaa oolera.


Dura taa`aan Dh.D.U.O fi Preezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa obbo Muktaar Kadir jalqaba yaa’ichaa irratti haasawa dhageessisaniin rakkoolee bulchiinsa gaarii hiikuu fi kiraa sassaabdummaa dhabamsiisuu keessatti ga’een dubartootarraa eegamu murteessadha jedhan.

Hiyyummaa hir’isuu keessatti daran hirmaachuun guddina biyyattii ariifachiisuuf Dubartoonni hojjechuu akka qabanis dhaamaniiru.

Dura teessuun liigii dubartoota Dh.D.U.O Aadde Qonjiit Baqqalaa gamsaaniitiin  liigichi yaa`ii kanaan murtee fi kallattii yaa'ii 2ffaa dabarserratti hundaa`uun hojiiwwan hanga ammaatti raawwatame qorachuun kallattii fula duraa kan kaa’u ta`a jedhaniiru.


Yaa`in dhaabbattummaa liigii dubartoota Dh.D.U.O 3ffaan bakka gaggeessitoonni ol,aanaa dhaabichaa,liigiiwwan naannolee fi miseensonnii fi keessumoonni adda addaa argamanitti gaggeefamaa kan oole,borus itti fufee ooluudhaan hooggantoota haarawaa filachuniifi kallattii gara fuulduraa kaa’uudhaan xumurama jedhamee eegama.

አስተያየቶች

ከዚህ ጦማር ታዋቂ ልጥፎች

Ministiroota Itiyoophiyaa har'a muudaman

Ibsa Dhaabbatummaa Dh.D.U.O

Obbo Muktaar Kadir pireezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa ta’uun lammata filataman