Qeerroon hingeessu hamma feerroo

FXG-Fincila xummura gabrummaa?Qeerroo?

Humnoonni dhiphoonni maqaa Saba Oromoo waamuudhaan yoomiyyuu kakatan ammas fincila xumura gabrummaa irra jirra wayita jedhan dhaga’ama.Humnoonni kun keessumattuu gareen shoroorkeessaan ABO waggoota hedduuf maqaa ummata Oromoo waamuudhaan dhaadataa ture.

Dhaadannaan garee harcaatoota dhiphootaa kun gareewwan adda addaatti fayyadamuudhaan abjuu bilisummaa jedhu abjootaa jira.

Fakkeenyaaf gareen moggaasa maqaa qeerroo jedhamuun beekamuufi olola adda addaa gaggeessaa jiru qaamuma ABOti.Namoonni garee kana keessa jiran qeerroon ABO’s ta’e qaamota gara biroo irraa adda akka ta’e fakkeessuudhaan oduun afarsaa jiran dharadha.

Kana kan najechisiise Namni maqaa sobaa Murataa Biyyaa jedhamu tokko Raadiyoo diinaa tokko irratti yaada kennedha.Namni kun hayyuu diinagdee akka ta’e himuudhaan fincila dhiyeenya Oromiyaa iddoowwan tokko tokkotti ka’een rakkoon diinagdee akka mudatuufi kunis sirritti kan beekamu yeroo muraasa booda  akka ta’e raageera.”Qaalluun kan ofii hin beektu kan ormaa raagdi”

Qeerroon xumura fincila gabrummaa jechuun olola sobaa afarsaa jirtu kun abdiidhaan waan baay’ee odeessaa jirti.Oromoon diinasaa moo’achuudhaan erga bilisoomee waggoonni lakkaa’amaa jiru.

Wayita ammaa mirgi Oromoo sarbamu tokkollee hin jiru.Ummanni Oromoo mirgoolee Namoomaafi Demookraasii qabsoosaa hadhaawaadhaan goonfate fakkeessitootaan hindhabu.Qeerroon hamma dandeessu wixiffachaa jirtus hamma feerroo akka hin geenye beekamaadha.





አስተያየቶች

ከዚህ ጦማር ታዋቂ ልጥፎች

Ministiroota Itiyoophiyaa har'a muudaman

Ibsa Dhaabbatummaa Dh.D.U.O

Obbo Muktaar Kadir pireezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa ta’uun lammata filataman