Yaa’iin liigii Dargaggootaafi Dubartootaa dhimma hojii dhabdummaas haaqoratu!

Rakkoon hojii dhabdummaa Dargaggootaafi Dubartootaa furmaata akka argatuuf  Mootummaan Naannoo Oromiyaa  waggoota darban keessa carraaqqii ol’aanaa taasisaa tureera.

Raawwii tureen Dargaggoonni rakkoo hojii dhabdummaa keessaa ba’uudhaan ofiifi maatii isaanii gargaaruu danda’an hedduudha.Haata’uutii raawwiin hojii dhabdoota hojiitti bobbaasuu rakkoo Naannummaafi firummaatiin,kiraa sassaabdummaafi rakkoolee kanneen birootiinis kan xaxamee ture akka ta’e waltajjiiwwan adda addaa irratti himamaafi saaxilamaa akka ture ni beekama.

Rakkooleen kun mudachuu isaanii saaxiluudhaan ifatti kan baase hawaasuma haala qabatamaan jiru hordofedha.Haalli qabatamaan wayita ammaa jirus akkaatuma kanaan hordofamee saaxilamuu qaba.

Fakkeenyaaf dhiyeenya kana mootummaan akka ifoomsetti Dargaggoonni Naannoo Oromiyaa kuma 800 ga’an  carraa hojii akka argataniif birriin miliyoona 300 ramadameera.Maallaqni kun hojii dhabdoota hundaaf carraa argamsiisuu waan hin dandeenyeef dhaabbilee mootummaa Federaalaafi Naannoo keessattis Dargaggoonni hojii akka argataniif haalli akka mijaa’u himameera.

Wayita ammaa raawwiin karoora kanaa maal fakkaata laata?jette jetteewwan tokko tokko akka mul’isaa jiranitti iddoowwan tokko tokkotti Dargaggoota hojii dhabeeyyii ta’aniif leenjii gabaabaa kennuudhaan durgoon erga kennamee booda  ni waamamtu deemaa akka jedhaman dubbatamaa jira.”Waa malee manni hin aaru”

Qaamni ajaja kana dabarse kun dirqamasaa haala akkamiitiin ba’aa jira.Maallaqa mootummaan ramadeefi haala mijaa’aa dameewwan kanneen birootiinis uumamanitti eenyufa’itu fayyadamaa jira?Namoota hojii qaban,kan qondaaltootatti dhiyaataniifi wal beekumsa qabantu fayyadamaa jira yoo ta’e ammas rakkoon dhuguma jira jechaadha.lakki kallattuma mootummaan kaa’een raawwatamaa jira yoo ta’e kun ammoo jajjabeeffamuufi deeggaramuu qaba.

Kanaaf Liigiin Dargaggootaafi Dubartoota Dh.D.U.O waltajjiisaanii kibxata dhufu irraa eegalee Adaamaatti adeemsisan irratti haala Dargaggoonni Oromiyaa carraa hojii ittiin argachaa jiraniifi miseensoota isaanii dabalatee Dargaggoonni miseensa hin taanes ittiin fayyadamaa jiran  qorachuudhaan kallattii kaa’uutu irraa eegama.


Aantummaan liigiwwanii kallattiidhaan milkaa’ina kaayyoowwan dhaabaaf ta’us dogongorawwan gama kanaan caasaa dhaabaafi mootummaa keessatti sababa ilaalchaafi gocha kiraa sasaabdummaatiin mul’atan qoratamuudhaan akka sirraa’an taasisuun dirqama liigiiwwan dhaabaati.Aantummaan hirmaannaafi fayyadamtummaa Dargaggoota Oromiyaatiif qabnu qabatamaan mirkanaa’uu qaba.Yoo kanaa achii maqaa qofa baachuudhaan deemuun eessumaanuu Nama hin ga’u!

አስተያየቶች

ከዚህ ጦማር ታዋቂ ልጥፎች

Ministiroota Itiyoophiyaa har'a muudaman

Ibsa Dhaabbatummaa Dh.D.U.O

Obbo Muktaar Kadir pireezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa ta’uun lammata filataman