Goototamoo hattootaree laata?

Aadaa duubatti hafaa hawaasa keessatti argamu keessaa tokko Namoonni sadarkaa hooggansaarra jiran yeroo taayitaarra jiranitti taayitaa qabanitti fayyadamuudhaan maallaqa akka saaman ykn.yeroo taayitaa irraa bu’anitti waan jireenya isaaniitiif itti fayyadaman malawwan adda addaatiin akka qopheeffataniif  jajjabeessuudha.

“sishoom yaalballaa sishaar yiqocawaal”jedhan kan wayita muudamu hin nyaanne yoo muudama irraa buufamu ni gaabba akka jechuuti.

Ilaalcha duubatti hafaa kana hordofuudhaan  Namoonni hedduun sadarkaa hooggansaa adda addaa irra turan hallayyaatti of darbataniiru jechuun ni danda’ama.Dhuguma badii mudate kana keessatti dhiibbaan hawaasni sababa ilaalcha duubatti hafaatiin geessises ol’aanaadha.Kana keessatti Namoonni dhiyeenyatti argaman maatiin firoottan akkasumas Namoonni karaa seeraan alaatiin faayidaa barbaadan dhibbaan isaan geessisan bal’aadha.

Haa ta’uutii”abbaatu of mara jedhe Bofni”akkuma jedhamu kan boruu ilaalee duubaafi fuuldura xiinxalee kan of eeguu qabu abbaadha.

Egaa kan of qusatee sacho’eefi karaa seera qabeessaan hojjete balaa irraa of baraaruu danda’eera.Kan aadaafi ilaalcha duubatti hafaadhaan qajeelfame ammoo hallayyaatti dhidhimaa akka jiru kunoo hubatamaa jira.

Kan kana najechisiise tarkaanfii kantiiboota kanaan duraa Magaalaa Sulultaafi Shanoo dabalatee Namoota 18 irratti fudhatamedha.Odeeffannoon haarawaan har’a dhaga’ame qabeenya lafaa saamuufi saamsisuu wajjin walqabatee kannen shakkaman hedduun too’annoo jala oolfamuudhaan mana murteetti dhiyaataniiru.

Komishinarri komishiinii Naamusaafi farra malaammaltummaa Oromiyaa obbo Taakkala Inkoossaa akka mirkaneessanitti Namoonni sadarkaa hooggansaarra turaniif ogummaadhaan tajaajilaa turan qabeenya lafaa Ummataafi mootummaa akka fedhiisaaniitti kan barbaadaniif kennuun kan hin barnaanne ammoo dhowwachuun badii ol’aanaa raawwachaa akka turan eeruu hawaasa irraa dhiyaateen beekameera.

Akkaataa kanaan kantiibaa kanaan duraa dabalatee caasaan hooggansa Magaalaa Sulultaa lakkoofsaan 15 ga’uufi caasaan hooggansaa kantiibaa kanaan duraa Magaalaa Shanoo dabalatee namoonni lakkoofsaan 3 ga’an too’annoo jala oolfamuudhaan dhimmisaanii seeraan hordofamaa jira.


Tarkaanfiin kun magaalota Oromiyaa kanneen biroo rakkoo walfakkaataa qaban keessattis kan itti fufu akka ta’e himameera.Egaa kanneen seeraan ala ta’uudhaan ummatatti roorrisaa turan lafa lixumoo sammiirra ba’uree laata?Qabsoon ummanni keenya ga’uumsaan taasisaa jiru kun daran cimee itti haa fufu!

አስተያየቶች

ከዚህ ጦማር ታዋቂ ልጥፎች

Ministiroota Itiyoophiyaa har'a muudaman

Ibsa Dhaabbatummaa Dh.D.U.O

Obbo Muktaar Kadir pireezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa ta’uun lammata filataman