Naannoo Oromiyaatti walga’iin gaggeessitootaa galgalarra akka taa’amuuf murteeffame
Naannoo Oromiyaatti rakkoolee bulchiinsa gaarii sababa walga’iitiin uumaman furuuf walga’iiwwan gaggeessitootaa sadarkaa sadarkaan jiranii galgalarra akka taa’amaniif Mootummaan naannichaa kallattii kaa’eera. Bulchiinsi Magaalaa Adaamaa Pireezdaantii Naannichaa Obbo Muktaar kadir bakka argamanitti jiraattoota magaalattii waliin dhimma bulchiinsa gaarii irratti kaleessa Galma Abbaa Gadaatti mari’ateera. Marii kanaarratti jiraattonni magaalattii walga’iin baay’achuusaatiin tajaajila barbaadan argachuu akka hin-dandeenye himaniiru. Keessattuu lafa waliin wal-qabatee saamichi dallaalotaa ittumaa hammaachuusaa kaasaniiru. Magaalattiitti mana ijaaranii waggoota baay’ee kan lakkoofsisan gaaffii ragaa qabeenya lafaa dhiheessanis deebii osoo hin-argatin akka jiran waltajjii maree kanarratti dhiheessaniiru. Rakkoon bishaanii magaalattii keessaas hojimaata badaa fi malaammaltummaaf balbala banuu isaa eeraniiru. Shaqaxoota bu’uuraa irrattis tajaajila gahaa argach...