Lammiin Itiyoophiyaa tibbana Afrikaa kibbaatti ajjeefame hin jiru jedhame



Finfinnee Onkololeessa 29,2008 Afrikaa kibbaattii lammiiwwan Itiyoophiyaa jaha ajjeefamaniiru  jedhamuun soba akka ta’e waajjirri dhimmoota koomunikeeshinii beeksiseera.


Rakkoo jeeqamsaafi saamichaa tibbana Afrikaa kibbaatti mudate wajjin wal qabatee lubbuun lammiiwwan Itiyoophiyaa jahaa darbeera jedhamee oduun afarsame soba akka ta’e waajjirichi ibsa baaseen himeera.

Ministeerri dhimma alaa adeemsa jiru dhiyeenyatti hordofaa akka jiruufi jeeqamsa biyyattiitti mudate wajjin wal qabatee lubbuun Lammiiwwan Itiyoophiyaa  darbe akka jin jirre waajjirichi mirkaneesseera.

Oduun jette jettee kun erga odeeffamuu eegalee kan ture yammuu ta’u humnoonni diina Itiyoophiyaa ta’an oduu jette jettee kana  kan afrsan mootummaan Itiyoophiyaa amma biyyattii bulchaa jiru lammiiwwaniif kan dhaabbate miti.lammiin du’us dhimma isaa miti jechuun isa ololaniif akka itti toluuf akka ta’e ni beekama.

አስተያየቶች

ከዚህ ጦማር ታዋቂ ልጥፎች

Ministiroota Itiyoophiyaa har'a muudaman

Ibsa Dhaabbatummaa Dh.D.U.O

Eessa turre,Maalirra Geenyeerra? Kutaa 4ffaa