Poolisiin barsisaa Girmaa Wandimmuu gocha ajjeechaatiin akka shakke hime



Barsiisaa Girmaa Wandimmuu yakka gowwoomsuu ittiin shakkamaniin wabiin hayyamame iyyata poolisiitiin fashalaa’eera.


Gareen qorataa poolisii Finfinnee  siimkaardiiwwan 8n mana himatamtichaatiin argadheen akka quqlqullaa’uuf Itiyoo- Telekomiif ergee eegaan jira, shakakmaan biroos waan jiruuf guyyaan beellamaa 14 naaf haa kennamu jechuun gaafatus manni murtee sadarkaa jaqabaa federaalaa gaaffiin  hojii qorannaa gaaftame himatamaa mirga wabii kan dhabsiisuu miti jechuudhaan wabii akka hayyame ni yaadatama.

Haa ta’uutii gareen qorataan ol iyyannaa gaafachudhaan wabii kenname dhorksiisuudhaan dhaddachcichaan falmeefa.

Dhaddachichi wal falmii gareewwan lamaanii qorachuudhaan yeroon kenname gahaadha, qorannaa hafe taasisuufis shakkamtichi wabii akka hin arganneef hin dhorkisiisu jechuun mirga wabii hayyame raggaaseera.

Akkaatuma kanaan Barsiisaa Girmaa yakka gowwoomsuu ittiin shakamaniin birrii kuma 50’n sanada sobaatiin fayyadamuu isa jedhuf ammoo wabii birrii kuma 40’n walumaagalatti wabii birrii kuma 90’n wabiin gadi lakkifamuu hayyamameeraafi.

Kana wajin wal qabatee gareen qorannaa poolisii Finfinnee barsiisaa Girmaa Wandimmuu yakka ittiin shakkaman kana malees yakka ajjeechaatiin shakkeeraani jechuun himeera.

Gareen qorataan dhimma kana dhaddacha sadarkaa jalqabaa mana murtee federaalaatti kan dhiyeesse yammuu ta’u manni murtee qorannaa yakka ajjechaa taasisuun Sadaasa 20 bara 2008 akka dhiyeessuuf beellamameera.

Odeeffannoo poolisii irraa arganneen barsiisaa Girmaa Wandimmuu hanga Sadaasa 20 bara 2008tti mana hidhaa kan turan ta’a.

አስተያየቶች

ከዚህ ጦማር ታዋቂ ልጥፎች

Ministiroota Itiyoophiyaa har'a muudaman

Ibsa Dhaabbatummaa Dh.D.U.O

Eessa turre,Maalirra Geenyeerra? Kutaa 4ffaa