Itiyoophiyaan fiigicha amma irra jirtuun yoo itti fufte bara 2017 biyya galii jiddu galeessa qabdu taati-Baankii Addunuyaa
Baankiin Addunyaa ibs ahar’a baaseen diingdeen Itiyoophiyaa ALA bara 2004 irraa hanga bara 2014tti dhibbentaan 10.9 jiddu galaan guddachaa akka ture beeksseera.
Biyattiin
saffis aguddinaaa kana itti fufsiisuu yoo dandeesse ALA bara 2025 galma biyya
galii jiddu galeessa qabdu ta’uu kaawwatte akka milkeessitu baankichi himeera.
Baankichi
ibsa har’a mata duraa’fiigicha guddicha Itiyoophiyaa’ jedhuun baaseen akka mirkaneessetti guddina galmeeffama ajiruuf investiumantiin
bu’ura misoomaatiif mootummaan babal’isaa jiruufi haalawwan mijaa’aan alaa
jiran sababdha.
ALA
bara 1992 irraa eegalee biyyattiin jijjiirama dingdee mul’isaa akka dhufte kan
hime baankiin kun ALA bara 2004 irraa eegalee guddiinni galmeessifte
ajaa’ibsiisaadha jedheera.
Waggoota kanatti lammiiwwan miliyonaan lakkaa’aman Itiyoophiyaan hiyyummaa keessaa
baasuu dandeessee jirti, barri lubbuun jiraachuu lammiiwwaniitis dabaleera
duutii Haadholeefi daa’immaniis hir’ateera jedheera,baankiin Addunyaa.
Akka
gabaasa baankichaattti ALA bara 2000 hnaga 2011tti biyyattiin hammeentaa
hiyyuummaa dhibbentaan 44n hir’isuu dandeessee jirti.
Guddin
galmeeffameef dameen tajaajilaa,qonniifi induustiriin shoora duraa akka
gumaachan kaasuudhaan walumaagalatti guddina waliigalaa biyya keessaatiif
Induustirin tajajailaa dhibentaan 5.4fi qonni dhibbentaan 3.6 shora
gumaachaniiru. Damee qonana irraa gara tajaajilaafi ijaarsaatti humni Namaa
ce’aa jiruunis galiin dhuunfaa ALA bara 2005 hanga bara 2013tti dhibbenetaan 13
akka ga’uuf shoora gumaachuusaa gabaasi baankichaa mul’iseera.
Baankichi
Itiyoophiyaan gudduna kana itti fufsisuuf utuu hojiirra oolchitee gaariidha
jechuunis kallattiiwwan gorsaa kaa’eera.
Guddina
diingdeetiif dameen dhuunfaa shoora murteessaa wana gumaachuuf dameen kun madda
faayinaansii akka argatu taasisuun deeggarsi kennamuufii qaba jedheera.
Investimnatii bu’urawwan misoomaatiif gara fuulduraattis
biyyattiin madda faayinaansii akak
barbaadduuf baankichi gorseera.
Induustirii
faayinansiitis hammayyeessuun wal ga’uumsa dhaabbilee faayinanasii babal’isuuf
hojjetamuu akka qabu Baankichi gabaasa isaa kanaan ifoomseera.
አስተያየቶች
አስተያየት ይለጥፉ