ADWUI keessatti taayitaan ergamaafi malee kaayyoo dhiibbaa sabaafi dhaabaa milkeessuuf hin oolu.Ob.Dammaqa
Itti aanaan dura taa’aa ADWUIfi dura taa’aan sochii demookraasummaa
Saba Amaaraa obbo Dammaqa Makonnin gaaffiifi deebii Gaazexaa Bakur jedhamu
waliin taasisaniin sochiin Demookraasummaa Saba Amaaraa kabajamuu eenyummaa Saba
Amaaraatiifi Ummattoota Itiyoophiyaatiif sirni Demookratawaan akka diriiruuf
shoora ol’aanaa kan gumaache akka ta’e dubbataniiru.
Qabsaa’oonni Adda bilisa
baasaa Ummata Tigraayiifi sochii Demookraasummaa Umnmata Itiyoophiyaa iddoo
tokkotti qabsaa’uun bool’a tokkotti awwaalamaa injifannoo boonsaadhaaf ga’uusaanii
obbo Dammaqan yaadachuudhaan balaafi wareegamni wayita mudatus ani durseen
yaala waliin jechuun dhaabbilee ciccimoo injifannoof ga’an akka ta’an eeran.
Adeemsa kanaanis lameenuu
sagantaa ofiifi ajandaa qabsoo kan qaban akka ta’aniifi bilisummaa
dhaabbatummaa eeguudhaan kan as ga’an ta’uusaanii dubbataniiru.
Injifannoo boodas ta’u ADWUI’n sagantaa akka addaatti ittiin hoogganamuufi
seera ittiin bulmaataa akka qopheesseefi SDUI/SDSA’s akkauma dhaabbilee
miseensa kannene biroo sagantaawwan kana irraa waraabaman akka qaban obbo Dammaqan
himaniiru.
ADWUI’n mana maree miseensoota
180 dhaabbilee miseensa keessaa walitti ba’aniif
wal qixa murteessuu danda’aniin moggaafamuun waliin wajjin biyya kan hoogganu
ta’uusaa kan himan obbo Dammaqan manni maree addichaa miseensoota koree hojii
raawwachiiftuu 36 dhaabbilee hunda keessaa walitti baba’an akka qabu eeraniiru.
Kana malees dura taa’aafi itti aanaan dura taa’aan ADWUI’tis
miseensoota mana maree 180 keessaa sagalee ittitiidhaan kennamuun akka filatamaniifi
hojii taawwachiistoonni 36’s biyyaaf akka ADWUI’tti tokko ta’uun kan hojjetan Naannoolee biyyaalessaa isaaniifis jiddu
galtummaa qaama kamiyyuun ala murteessuuf bilisummaa dhaabbatummaa akka qaban
beeksisaniiru.
ADWUI keessatti SDUI/SDSA’s
ta’e dhaabbileen kanneen biroo adda bilisa baasaa Ummataa Tigraay irraa
dhiibbaan irra ga’a jechuun Namoonni dubbatan hojmaata ADWUI wallaaluudhaan ykn.
kaayyoo qaama tokko adda baasanii rukutuu milkeessuu kan qabanidha jedhan.
Obbo Dammaqan ADWUI
keessatti taayitaan ergama milkeessuufi malee dhiibbaa sabaafi dhaaba tokkoo
uumuuf faayidaarra akka hin oolle hubachuun barbaachisaa akka ta’es
mirkaneessaniiru.
አስተያየቶች
አስተያየት ይለጥፉ