Dureen luboota Kaatooliki Roomaa biyyaalee Afrikaa daawwachaa jiru



Duree luboota bataskaana kaatoliikii Roomaa Firaansiis daawwannaa biyyaalee Afrikaa saditti taasisan Keeniyaatti eegalaniiru.


Firaansiis daawwannaa isaanii kaleessa keeniyaatti wayita eegalanitti simannaan ho’aan taasifameeraafi.

Keeniyaa wayita ga’anittis pireezidaantii Keeniyaa Huhuruu Keeniyaataa dabalatee mootummaafi dureewwan amantaawwan biyyattii simannaa taasisaniiru.

Keeniyaan daawwaannaa Firaansiis kana sababeefafchudhaan Kamsin har’aa guyyaa biyyaalessaa akka ta’uuf labsitee jirti.


Firaansiis turtii  isaaniitiin qondaaltoota mootummaafi ummata biyyattii wajjin ni mari’atu jedhameera.

Biyyattiin eegumsa tasgabiitiif humna poolisii kuma 10 Naayiroobittii bobbaaftee jirti.

Lammiiwwwan keeniyaa keessaa dhibbentaan 30 amantaa Kaatoliikii hordofu jedhameera.Odeeffannoo waa'ee daawwannaa Firaansiis dubbisaa

አስተያየቶች

ከዚህ ጦማር ታዋቂ ልጥፎች

Ministiroota Itiyoophiyaa har'a muudaman

Ibsa Dhaabbatummaa Dh.D.U.O

Eessa turre,Maalirra Geenyeerra? Kutaa 4ffaa