Harka Namaatiin Abidda qabachuun Nama hin dhibu



Fayyadamtummaa Oromoo dura dhaabbachuun hin danda’amu! Fayyadamtummaa Saba Oromoo dura dhaabbachuun qaama kamiifiyyuu waan danda’amu miti.ABO’n moggaasa maqaasaa miidhagfachuudhaan maqaa Ummata Oromootiin dhaadachaa waggoota lakkoofsisus iddoo adda addaatti qoqqodameera.


Humni adda qoqqooadame kun wayita ammaa moggaasa adda addaatiin socho’aa akka jiru beekamaadha.Humni moggaasuma duraatiin hafe ammoo hin dune inuman jira jechaa waan jiru fakkaata.

Ololli gareen shoroorkeessaan kun sab-quunnamtiilee gara garaatti fayyadamuudhaan afarsaa jiru Oromiyaan Nagaan ooltee kan bulte akka hin fakkaanne taasisaa jira(OMN).Dhugaan qabatamaan beekamu garuu kanuma beekamudha.

Oromiyaan ofiin of bulchaa,misoomaafi guddinashee dagaagsaa Sabashee bal’aa wajjin Nagaan ooluun bulaa jirti.

Farreen misoomaafi guddinaa ajandaa ofii uummachuu hin dandeenye kun garuu haala mijaa’aa argatan hundatti fayyadamuu irraa akka of hin qusanne carraaqqii isaan yeroo adda addaatti taasisan irraa hubachuun ni danda’ama.

Waggaa achaanu  maqaa maastar pilaaniitiin dhiigni obboloota keenyaa akka dhangala’uuf haala kan mijeesse wixxiffannaa humnoota dhiphootaafi oftuultootaa akka ta’e beekamaadha.

Humnoonni kun miidiyaalee biyya alaatti hundeessaniin olola afarsaa turaniin ijoolleen dhimmicha irratti hubannoo hin qabne fincilatti seenanii lubbuu isaanii marartuu akka dhaban taasifameera.

Harka Namaatiin abidda qabachuun gonkumaa kan itti hin ulfaanne humnoonni badii kun baranas kun akka dabalamuuf kan barbaadan ta’uusaanii hubachuudhaan carraaqqii isaanii kana fashaleessuun barbaachisaadha.

Waa’ee maastar pilaanii irra deddeebi’uudhaan alalfachuun maaliif barbaachise?Ajandaa biraa kan mormiif ta’u uummachuun hin danda’amuu? dhimmi kun dhimma dhiphootaafi of tuultoota muraasaa utuu hin taane dhimma Saba Oromoo guddichaati!

Sabni Oromoofi jiraattoonni naannawa dhimma maastar pilaanii jedhamee jiraatan yoo itti amanan hojiirra ooluun isaa dirqama.Qaamni kana hojiirra oolchus itti gaafatamaafi imaanaa ummaataatu irra jira waan ta’ee waan ummanni itti amanee hojiirra naaf oolchi jedheen lakki humnoonni morman waan jiraniif hojiirra  hin oolchu jechuu hin danda’u.Walumaagalatti fayyadamtummaa Ummata Oromoo dura eenyumtuu dhaabbachuu hin danda’u.

Fallaa kanaatiin Ummanni Oromoo lakki wanti kun bu’aan naaf buusu hin jiru tajaajilli bishaanii,Daandiin baaburaafi wanti hamayaa’aan jiraattoonni Finfinnee argatan hunda hin barbaadu yoo jedhes mirgi guutuun eenyumtuu jalaa sarbuu hin dandeenye kanuma isaati. Qaamni kana bira darbee dhaabbachuudhaan maastar pilaanii misooma qindaa’aan hojiirra oolcha jedhu yoo jiraates inni maraataadha! Umuriisaa gabaabsuudhaan ala bu’aan argatu tokkollee hin jiru.

Hoogganaan waajjira koree jiddu galeessa Dhaabbata Demokraatawa Ummata Oromoo(Dh.D.U.O) obbo Dhaabaa Dabalee ibsa dhiyeneya kana kennaniin dhimma misoomaafi guddina Magaaloota Oromiyaa irratti ummanni itti hin amanu taanaan wanti humnaan hojiirra oolu tokkollee akka hin jirre mirkaneessaniiru.

Dhimma kana imaammata misooma magaaloota Oromiyaa dhiyeenya Caffee Oromiyaatiin ragga’e wajjin walitti hidhuudhaan ololli farreen misoomaafi Nagaa itti cichanii jiran garuu badiin bara darbee sun akka dabalamtu kan barbaadan ta’uusanii mul’isa.’Waraabeessi guyyaan yuuse beekkachiise’

Biyya alaa taa’anii bookkisuudhaan ijoollee hubannoo tokkollee hin qabne abiddatti oofuudhaan jijjiiramni dhufuu danda’u tokkollee akka hin jirre adeemsawwan kanaan duraa irraa hubachuun rakkisaa miti.

Tibbana Amboofi naannawasheetti jeeqamsi ka’aa jira jechuudhaan  ololli afarfamaa jiru humni dhokatee jeeqaa jiru fedhiisaa guuttachuuf qophaa’aa akka ta’e qabatamaan kan mirkaneessudha.Egaa Harka Namaatiin Abidda qabachuun Nama hin rakkisu waan ta’eef isaan akkuma baranitti akka fedhasaanii  haa ta’an, dhalli Oromoo biyya keessa jiru garuu dubbii tana gadi taa’uun itti haa yaadu!!

አስተያየቶች

ከዚህ ጦማር ታዋቂ ልጥፎች

Ministiroota Itiyoophiyaa har'a muudaman

Ibsa Dhaabbatummaa Dh.D.U.O

Eessa turre,Maalirra Geenyeerra? Kutaa 4ffaa