Ololli waa'ee magaaloota Oromiyaa irratti afarfamaa jiru bu'ura hin qabu jedhame

Hooggaanaan waajjira koree jiddu galeessa Dhaabbata Demookraatawa Ummata Oromoo obbo Dhaabaa Dabalee dhimmolee adda addaa irratti xiyyeeffachuudhaan har'a ibsa kennaniiru.

Obbo Dhaabaan akka mirkaneessanitti ololli labsii Magaaloota Oromiyaa dhiyeenya Caffee Oromiyaatiin ragga'e irratti humnoota farra ta'aniin hawaasa keessatti afarfamaa jiru bu'ura tokkollee hin qabu jedhaniiru.

Labsichi Ummata Oromoo mgaaloota keessa jiraatu kallattii kamiiniyyuu fayyadamaa akka taatsisiu kan itti amaname akka ta'ellee obbo Dhaabaan dubbataniiru.

Kana malees waa'ee bulchiinsa gaarii,wal ga'uumsa dhaabbilee tajaajila hawaasummaa,rakkoo hooggansaafi tarkaanfii Mootummaan fudhate irratti ibsa bal'aa kennaniiru.

Kan isaan jedhan keessaa kallattii humnoonni farra Nagaafi misoomaa hubannoo gahaa argachuu ittiin danada'aniin gara fulduraatti bal'inaan kan isiniif balballoomsu ta'a.

አስተያየቶች

ከዚህ ጦማር ታዋቂ ልጥፎች

Ministiroota Itiyoophiyaa har'a muudaman

Ibsa Dhaabbatummaa Dh.D.U.O

Eessa turre,Maalirra Geenyeerra? Kutaa 4ffaa