Naannoo Oromiyaatti walga’iin gaggeessitootaa galgalarra akka taa’amuuf murteeffame



Naannoo Oromiyaatti rakkoolee bulchiinsa gaarii sababa walga’iitiin uumaman furuuf walga’iiwwan gaggeessitootaa sadarkaa sadarkaan jiranii galgalarra akka taa’amaniif Mootummaan naannichaa kallattii kaa’eera.


Bulchiinsi Magaalaa Adaamaa Pireezdaantii Naannichaa Obbo Muktaar kadir bakka argamanitti jiraattoota magaalattii waliin dhimma bulchiinsa gaarii irratti kaleessa Galma Abbaa Gadaatti mari’ateera.

Marii kanaarratti jiraattonni magaalattii walga’iin baay’achuusaatiin tajaajila barbaadan argachuu akka hin-dandeenye himaniiru.

Keessattuu lafa waliin wal-qabatee saamichi dallaalotaa ittumaa hammaachuusaa kaasaniiru.

Magaalattiitti mana ijaaranii waggoota baay’ee kan lakkoofsisan gaaffii ragaa qabeenya lafaa dhiheessanis deebii osoo hin-argatin akka jiran waltajjii maree kanarratti dhiheessaniiru.

Rakkoon bishaanii magaalattii keessaas hojimaata badaa fi malaammaltummaaf balbala banuu isaa eeraniiru.

Shaqaxoota bu’uuraa irrattis tajaajila gahaa argachaa akka hinjirre hirmaattoonni marichaa ibsaniiru.

Walumaagalatti rakkooleen bulchiinsa gaarii Magaalaa Adaamaa keessatti baay’atanii hawaasni baay’ee komataa waan jiruuf mootummaan naannichaa furmaata akka itti kennuuf gaafataniiru.

Kantiibaan Magaalaa Adaamaa Obbo Habtaamuu Haayilamikaa’el rakkoolee kiraa sassaabdummaa fi bulchiinsa gaarii uummanni kaase fudhatama akka qaban himaniiru.

Bara Karoora Guddinaa fi Tiraansfoormeeshinii Lammataatti rakkoolee kanneenitti furmaata kennuun Adaamaa fooyyofte uumuuf akka hojjatamu uumamtaaf ibsaniiru.

Baay’achuu wal-ga’iin wal-qabatee gaaffii uummatichi dhiheesseef mootummaan naannichaa walga’iiwwan sa’aatii hojii idileen ala - galgala dabalatee -taa’uun tajaajila saffisaa kennuu akka danda’amu kallattii kaa’uusaa eeraniiru.

Kenninsa kaartaa ragaa qabeenya lafaas hammayyeessuun dallaalota sirnicha keessaa baasuun akka danda’amus himaniiru.

Rakkoo bishaanii magaalattii waaraan furuufis mootummaan Naannoo Oromiyaa Birrii miliyoona 300 ramadee hojjechaa akka jiru waltajjii kanarratti ibsameera.

Akka ibsa kantibichaatti rakkoolee uummanni kaase kunneen yeroo gabaabaa, giddu galeessaa fi dheeraatti kan furmaata argatan jedhamanii adda baafamanii uummaticha garaa ga’uuf kallattiin taa’eera.

Waltajjicharratti kan argaman Pireezdaantiin Naannoo Oromiyaa Obbo Muktaar Kadir gamasaaniin galteen uummanni magaalaa Adaamaa waltajjichaarratti kenne karoorichatti dabalamee kan furmaata argatu ta’a jedhaniiru.

Gaaffilee uummatichi iftoominaan kaase mootummaan naannichaa deebii argachuusaanii hordofee akka hojjetuu fi fuul-durattis waltajjiiwwan wal-fakkaataa akka qopheessu waadaa seenaniiru.

Galtee uummataa akkanaa itti dabaluun Adaamaa moodeela- qorannoorratti hundoofte - uumuuf xiyyeeffannoon itti kennama jedhaniiru.

Yakkamtoonni Adaamaas ta’e magaalota naannittii kaan keessa jiran garuu bakka itti miliqan akka hin-qabne pireezdaantichi eeraniiru.

Waltajjiin marii bulchiinsa gaariirratti xiyyeeffatu Magaalaa Adaamaatti taa’ame kun haaluma wal-fakkaatuun Jimma, Bishooftuu, Buraayyuu, Lagaxaafoo fi magaalota Naannoo Oromiyaa kanneen biroo keessatti kaleessa akka geggeeffame beekameera.

አስተያየቶች

ከዚህ ጦማር ታዋቂ ልጥፎች

Ministiroota Itiyoophiyaa har'a muudaman

Ibsa Dhaabbatummaa Dh.D.U.O

Eessa turre,Maalirra Geenyeerra? Kutaa 4ffaa