Guddina Oromiyaa itti fufsiisuuf waliigalameera



Naannoo Oromiyaatti boqannaa qophii keessatti mariin raawwataa qopheessuu milkaa’inaan xumuramee boqonnaa raawwiitti ce`amuu isaa ibsameera.


Hojiiwwan gama dinagdee, hawaasummaa ijaarsa sirna diimokiraasiifi bulchiinsa gaariin wal-qabatee karoora bara darbee akka dhaabaafi mootummaatti raawwataman KGT 1ffaa bu`uura godhachuun karoora bara 2008 milkaa’inaan raawwachuuf mariin bal’aan akka naannoo Oromiyaatti taasifamaa turuu isaa sadarkaa itti aanaa pireezidaatii bulchiinsa mootummaa Naannoo Oromiyaatti bakka bu`aan mootummaafi I/G Waajjiira koree jiddu galeessa DH.D.U.O kabajamoo Obbo Dhaabaa Dabalee ibsaniiru.

Karoora kana galmaan ga’uuf boqonnaa karoora bara 2008 irratti raawwataa qopheesuuf waltajjiileen addaa addaa geggeeffamaa ture milkaa’inaan xumurameera jedhan.

Karoora Dhaabaafi Mootummaa bara 2008 boqonnaa qophii keessatti geggeesitoota naannoo Oromiyaa sadarkaa hundatti argamaniifi qamolee hawaasaa hunda haala hirmaachiiseen ciminaafi hanqinoota raawwii KGT 1ffaafi karoorra bara 2007 keessaatti ture karaa iftoomina qabuun qoratameera kan jedhan Obbo Dhaabaan marii kana keessattis uummanni karaa ifa ta`een gad-fageenyaan irratti mariyateera jedhan.

Obbo Dhaabaan itti dabaluun akka jedhanittis, raayyaan misoomaa magaalaafi baadiyyaa giddugaleessa godhatee qidoominaan raawwaatamaa waan tureef hawaasni baldhaan keessaattu Dargaggootaafi Dubartoota fayyadamaa taasiisuun xiyyeeffanaan hojjatamaa turuunsaa bu`aan argame abdachiisaa ta`uunsaa akka cimina raawwii karoora bara darbeetti qoratameera jedhan

Mootummaan banaa ta`ee ummataatti dhiyaachuun ummannis karaa ifa ta`een hanqiinoota gama bulchiinsa gariitiin jiru kaasuun iddoo hundatti tajaajila ga’aa kennuu dhabuun gaafiiwwaan uummataaf deebii hatatamaa kennu dhiisuun hojiiwwaan ijoon kanneen akka qonnaa, bishaan dhugaatii qulqul’uu akkasumas hojii misooma bu`uura babaldhiisuun walqabatee daandii, barnootafi fayyaa misooma Imx iddoo hundatti haala walfakkaatuun hojjatamuu dhabuun hanqina karoorichaa keessatti muldhatan ta`uun ilaalamuusaa eeranii raawwii karoora haarawaatti hanqinoota kanneen maqisuun jijjiirama bu`uura fiduuf waliigalamuusaa Obbo Dhaabaa dubbataniiru

Naannoo Oromiyaatti boqonnaa qophii keessaatti mariin raawwataa qopheessuu milka`inaan xumuramee boqannaa raawwiitti ce`amuu isaa ibsame.

Hojiiwwan gama dinagdee, hawaasummaa ijaarsa sirna diimokiraasiifi bulchiinsa gaariin wal-qabatee karoora bara darbee akka dhaabaafi mootummaatti raawwataman KGT 1ffaa bu`uura godhachuun karoora bara 2008 milkaa’inaan raawwachuuf mariin bal’aan akka naannoo Oromiyaatti taasifamaa turuu isaa sadarkaa itti aanaa pireezidaattii bulchiinsa mootummaa naannoo Oromiyaatti bakka bu`aan mootummaafi I/G Waajjiira DH.D.U.O kabajamoo Obbo Dhaabaa Dabalee ibsaniiru.

Karoora kana galmaan ga’uuf boqonnaa karoora bara 2008 irratti raawwataa qopheesuuf waltajjiileen addaa addaa geggeeffamaa ture milkaa’inaan xumurameeras jedhan.

Karoora Dhaabaafi Mootumma bara 2008 boqannaa qophii keessaatti geggeesitoota naannoo keenyaa sadarkaa hundaatti argamaniifi kutaalee hawaasaa hunda haala hirmaachiiseen ciminaafi hanqinoota raawwii KGT 1ffaafi karoorra bara 2007 keessaatti ture karaa iftoomina qabuun qoratameera kan jedhaan kabajamoo Obbo Dhaabaa Dabalee marii kana keessaattis uummanni karaa ifa ta`een gad-fageenyaan irratti mariyateera jedhaniiru.

Obbo Dhaabaan itti dabaluun akka jedhanittis, raayyaan misoomaa magaalaafi badiyyaa giddugaleessa godhatee qidoominaan rawaatamaa waan tureef hawaasni baldhaan keessaattu dargaggootaafi dubartoota fayyadama tasiisuun xiyyeefanaan hojjatama turuunsaa bu`aan argame abdachiisaa ta`uunsaa akka cimina raawwii karoora bara darbeetti qoratameera jedhan.

Mootummaan banaa ta`ee ummataatti dhiyaachuun ummannis karaa ifa ta`een hanqiinoota gama bulchiinsa gariitiin jiru kaasuun iddoo hundaatti tajaajila ga’aa kennuu dhabuun gaafiiwwaan uummataaf deebii hatatamaa kennu dhiisuun hojiiwwaan ijoon kanneen akka qonnaa, bishaan dhugaatii qulqul’uu akkasumas hojii misooma bu`uura babaldhiisuun walqabatee dandii, barnootafi fayyaa misooma Imx iddoo hundaatti haala walfakkatuun hojjatamuu dhabuun hanqina karoorichaa keessatti muldhatan ta`uun ilaallamusaa eeranii karoora bara itti aanu keessatti hanqinoota kanneen maqisuun jijjiirama bu`uura fiduuf waliigalamuusaa Obbo Dhaabaa Dabalee dubbataniiru.

አስተያየቶች

ከዚህ ጦማር ታዋቂ ልጥፎች

Ministiroota Itiyoophiyaa har'a muudaman

Ibsa Dhaabbatummaa Dh.D.U.O

Eessa turre,Maalirra Geenyeerra? Kutaa 4ffaa