Gammachuu maxxantootaa
Balaan
hoongee lammiiwwan keenya mudateera.Odeeffannoo mootummaan ifoomseenis Oromiyaa
dabalatee Naannolee gara garaa keessatti Lammiwwan miliyoona 8fi kuma 200 ga’an
balaa kanaaf saaxilamaniiru.
Sababiin
rakkoo kanaa ammoo jijjiirma haala qilleensaa Itiyoophiyaa qofa utuu hin taane
biyyaalee Addunyaa kanneen biroos raakaa jirudha.Rakkoon kun waggaa kudhanitti
al tokko deddeebi’uudhaan lammiiwwan keenya irratti miidhaa suukaneessaa geessiseera.
Balaan
hoongee amma mudates haala jiruufi jireenya lammiiwwan keenyaa barame kan faallesse
ta’uunsaa beekamaadha.Rakkoo sababa jijjiirama haala qilleensaatiin mudate kana
wajjin wal qabatee lammiiwwan keenya irra miidhaan hammaataan akka hin geenyeef
mootummaan hojjechaa jira.
Sadarkaa
eegamurra hin jiru jedhamaa kan ture birmannaan deeggartoota biyya alaas
tibbana abdachiisaa ta’eera.Odeefafnnoo tibbana dhaga’ameen mootummaan
Ameerikaa balaa hoongee Itiyoophiyaatti mudateen lammiiwwan rakkatan baraaruuf
Doolaara miliyoona 97 kenneera,Dhaabbanni mootummoota gamtoomaniis Doolaara
miliyoona 17 gumaacheera.Birmannaan qaamolee Addunyaa kaanneen biroos ni dabala
jedhamee eegama.
Kana
maddiitti Mootummaan Itiyoophiyaa Dh.D.U.O/A.D.W.U.In hoogganamaa jiru
lammiiwwan dhaqabuun gargaarsa barbaachisaa taasisaa jira,Balaa kanaan lubbuun
Namaafi Beelladaa akka hin dabarreef carraaqqiin taasifamaa jiru kan qabatamaan
mul’achaa jirudha.
Maxxantoonni
maalif gammadan?
Maxxantoonni
biyya keessas ta’e biyya alaattii argaman kan ilaalcha dhiphummaafi Of
tuulummaa afarsan balaan hoongee biyya keenyatti mudachuun akka isaan gammachiise
sochii qabatamaan taasisaa jiran irraa hubachuun rakkisaa hin ta’u.
Kanneen
amma mootummaa ADWUI’n hoogganamu yakkuun akka malee wixiffachaa jiran xummurri
fiigicha isaanii bu’aa siyaasaa argachuudha.
Balaan
hoongee biyya keenyattis ta’e biyyaalee Addunya kanneen birootti yeroo adda addaatti
mudachuun waanuma kanaan duraa beekamudha.Rakkoon kun hanqina dhaaba biyya kana
bulchaa jiruun kan mudatedha jechuun bookkisuun humnoota kana eesumaanuu isaan hin ga’u.
Kanaa
mannaa kan isaaniif wayyu ummataaf yaadanii hin beekan malee yoo ummataaf
dhimmanii kan yaadan ta’e lammiiwwan keenya balaa kana irraa baraaruuf
mootummaa biyya bulchaa jiru wajin akka hojjennuuf haalli nuuf mijaa’uu qaba
jechuun gaafachuu wayyaafiiyyu,Kanatu deggarsa Ummta irraa barbaadan isaaniif argamsiisa ture
Kana
gochuu akka hin dandeenyeef ammoo ilaalchi of tuulummaafi dhiphummaa hudhee
isaan qabe hin hayyamuuf waan ta’eef amma maqaa mootummaa balleessuufi sochii
mira ummataa tuqu taasisuun waanuma danda’an gochaa jiru.
Malaammaltoota
qolachuu
Gargaarsi
mootummaan kallattii adda addaatiin lammiiwwan keenya rakkatan bira akka ga’uuf
ergu kallattiidhaan fayyadamtoota bira ga’uu qaba.Malaammaltoonni gargaarsa
dhiyaatu karaatti hanbisuuf socho’an hin jiran jechuudhaan mamii malee
dubbachuun hin danda’amu.
Malaammaltoonni
caasaa mootummaa keessatti argaman ammoo kanaaf haala mijaa’aa qabu.Kanneen
kana of eeggannoo cimaadhaan hordofuun saaxiluufi seeratti akka dhiyaatan
taasisuun barbaachisaadha.
Kana
maddiitti rakkoon yeroo lammiiwwan keenya mudate kun fala waaraa akka argatuuf lammiin
biyyaaf yaadu hundumtuu olola diinaa hordofuu dhiisuudhaan damee hojii irratti
bobba’e hundaan kutannoodhaan hojjechuutu irraa eegama.
አስተያየቶች
አስተያየት ይለጥፉ