Dhikkifni onnee hattootaa dabaleera
Rakkoon
bulchiinsa gaarii ummattoota dararaa
ture fala waaraa akka argatuuf erga labsamee kan bubbule ta’ullee tarkaanfiin
Mootummaan dhiyeenya kana fudhachuuf labse kan kanaan duraa irraa adda akka ta’e
beekamaadha.
Qondaaltoonni
Mootummaa Itiyoophiyaa dhiyeenya dhimma rakkoo bulchinsa gaarii irratti wayita mari’atanitti
kanneen tokko tokko yaada kennaniin qaamoota qorannoo saayinsaawaa taasisan
irratti gaaffiiwwan adda addaa
kaasuudhaan mamii akka mul’isaniifi dhimmicha ofirraa faccisuuf yaaluun isaanii
kan hubatame ta’us rakkoon ummata mufachiisee ture kun furmaata argachuunsaa
waan hin oolle akka ta’e hubatamaa jira.
‘Bittaanis
kori mirgaanis kori walgeettiin kooraadha’ akkuma jedhamu amma ummanni kan
barbaadu rakkoon bulchiinsa gaarii isa raakaa ture furmaata akka argatuufidha.
Rakkoon
sababa sochii malaammaltootaatiin bu’urasaa gadi fageeffatee ture kun furmaata
argachuun isaa dirqamaafi duuba deebii
kan hin qabne ta’uusaa sosochii hawaasaa mul’achaa jiru irraa hubachuun rakkisaa hin ta’u.
Mootummaan
misoomawaa Demookraatwaa ADWUI’n hoogganamus rakkoon kun hattattamaan fala akka
argatuuf qaamolee gara garaatiif waamicha dhiyeesseera.Bu’aa ofiitiif jecha kan
hin sochoone eenyumaree laata?
Ummanni
bal’aan karra mijaa’aa argate kanatti fayyadamuudhaan malaammaltoota saaxilee
mataa gadi qabsisuun isaa waan hin oolle akka ta’e mirkanaa’eera.Amala
Umattoota Itiyoophiyaa ammoo kan beekutu beeka.
Amma
Malaammaltoonni bakka seenan dhabaniiru.dhikkifni onnee isaaniitiis dabalaa
jira.akkam taanuun yaaddoo itti ta’ee akka jiru eenyumatu tilmaamuu dadhabaa
laata?hundumaafuu malaammaltoonni sadarkaa kamirrattuu argamaniifi rakkoon
malaammaltuummaa akka babal’atu taasisaa turan wayita ammaa dhiphina ol’aanaa
keessa jiru.
Hattoonni
haalli ittiin baraaraman gonkumaa akka hin jirre beekamaadha.kanin fayyadamu
ummanni yoo fayyadamu,kan naaf darbu ummataafis wayita darbudha amantaa jedhu
qabachuu dadhabii kanneen saamichaaf jecha wantoota adda addaa keessa
seenan,neeti woorkiidhaan kan wal hidhan kan mindaan argatan gochuu hin
dandeenye qabaatan hundi amma dhikkfni onnee isaanii akka malee dabaleera.
Maxxanxoonni
maal jechaa jiruu?
Maxxantoonni
ilaalcha dhiphummaafi malaammaltummaatti cuuphaman tarkaanfiin mootummaan nanfudhadha
jedhu kun soba,umurii dheerraffachuuf kana jechaa jira jechuun dubbachuun
isaanii tibbana dhag’ameera.
Keesumattuu
hooggantoonni paartilee mormitootaa tokko tokkoofi humnoonni biyya alaatti
riphan tokko tokko haalli kun isaaniif haala mijaawaa kan uumeef itti
fakkaateera.’Yaa gowwaa si duubaan bowwaa’ jedhe mammaksi.
Humnoonni
ajandaa ofii uummachuu hin dandeenye kun rakkoo caasaa mootummaa keessa jiruufi
hanqina argan qofatti rarra’uun hanga
yoomiitti qabsaa’uu danda’uu laata?isaaniif safuu!kanneen dhikkifni onnee
isaanii daran dabaleefis safuudha.
አስተያየቶች
አስተያየት ይለጥፉ