Dhiphoonni waxalaman kiliippiidhaan duula eegalan
Sab-quunnamtiin dhiphootaa
OMN jedhamu tibbana biyya ormaa taa’ee olola as afarsuun Oromiyaa keessatti
fincilli akka finiinuuf wixiffachaa jira.
Wixiffannaan isaa kun
ammoo kiliippii sirbaatiin kan deeggarame akka ta’uuf bajata ramaduudhaan hojjechaa
akka jiru hubatameera.
Kiliippiiwwan tokko tokko
qilleensaaf kan dhaqqaban yammuu ta’u tokko tokko ammoo dhiyeenyatti akka
dhaqqaban beekameera.
Carraaqqii kana duuba kan
jiru Jawaar Mahaammadiifi fakkaattoota isaa yammuu ta’an tumsitoonni asuma
biyya keessatti argamanis shoora gumaachaa akka jiran beekamaadha.
Hamma isaanii kan itti
himutti baay’ee kan dallanan dhiphoonni qubaan lakkaa’aman kun tibbana
kiliippii suuraa qondaaltootaafi Namoota dhunfaatiin dabaalame irra
deddeebiidhaan afeeraa jiru.Kiliippiiwwan kanneen keessaa Kan Araarsaa Gabbisaa’tiin
hojjetame kun isa tokko yammuu ta’u kiliippii kanaan
1.Pireezidaant Muktaar Kadir
2.Ambaasaaddar Girmaa
Birruu
3.Ambaasaaddar Kumaa Dammaqsaa
4.Abbaaduulaa Gammadaa
5.Warqinah Gabayyoo
6.Barakat Simoon
7.Reedwaan Huseen
8.Gaazexeessaa Birhaanuu Hurrisaafi Namoota kanneen biroo irrattis xiyyeefatameera.Safuu akka dhabuu humnoota dhiphootaatiif
አስተያየቶች
አስተያየት ይለጥፉ