ልጥፎች

ከፌብሩዋሪ, 2016 ልጥፎች በማሳየት ላይ

Eessa turre,Maalirra Geenyeerra? Kutaa 2ffaa

ምስል
Ummanni Oromoo bara barbadaa’uumsa sirna Darguu booda jechuunis bara 1983 asiitti gama hundumaanuu fayyadamaa ta’uuf carraa argateera. Qonnaan bulaan Oromoo yeroo kana boodadha mamii tokko malee fayyadamaa omishaafi dafqasaa ta’uu danda’uudhaan omishasaa gatii barbaadeen gabaa barbaade irratti gurgurachuun fayyadamuu kan danda’e. Mirgii aadaafi seenaa Oromoo daangaa tokko malee dagaagsuufi itti fayyadamuu qabatamaan hojiirra ooluu kan eegalas bara 1983 boodadha.Bara kana keessa daandii dhaabbileen siyaasaa kanneen biroo saaqaniin gara biyyaatti galuudhaan Saba Oromootti makamuuf carraa kan argate ABO’nis akkuma dhaabbilee kanneen biroo mootummaa ce’uumsaa chaartara ce’uumsaatiin hoogganamu keessa seenuu danda’e. ABO’n caasaa mootummaa ce’uumsaa keessa erga seenee booda Ummata Oromoo godinaalee adda addaa keessa jiraatu bira ga’uudhaan miidhama waggoota hedduuf Saba Oromoo irra ga’e kaasuudhaan hanga tokko hawaasni hubannoo akka qabaatu taasiseera jechuun ni danda’ama.

Gocha abdii kutannaa kasaartotaa

ምስል
Humnoonni of tuultoonniifi dhiphoonni Adeemsa Nagaa misoomaafi Demookraasii biyya keenyaa gufachiisuudhaan imala haaromsaa karaatti hanbisuuf kanaan dura waan danda’an gochuun harkatti fashalaa’aa tureera. Amma ammoo carraaqqii xumuraa taasisaa akka jiran hubatameera.Kunis abdii kutachuu isaaniirraa kan madde akka ta’e beekamaadha. Fakkeenyaaf har’a ganama konkolaachiftoonni Taaksii Finfinnee fincila hojii dhaabuu taasisuun isaanii carraaqqii kasaartoota siyaasaa wajjin kan wal qabate akka ta’e shakkamuu hin qabu! Konkolaachiftoonni Taaksii Magaalaa Finfinnee seera balaa tiraafikaa ittisuuf tibbana hojiirra ooluu eegale mormuudhaan fincille jedhanis dhimmichi fedhii kiraa sassaabdotaa,kan mankaraarsitootaa,kan dhiphootaafi Of tuultota wajjin walitti dhifeenya cimaa kan qabu akka ta’e hubatamu qaba! Konkolaachiftoonni qaxxaa mura biyyaahoo kana wajjin akkamitti walitti dhufeenya qabaachuu dandfa’uu? Wayita ammaa akka jedhamaa jirutti tajaajilli geejibaa godinaal

Eessa turre,Maalirra Geenyeerra?-Kutaa 1ffaa

ምስል
Sabni Oromoo Saba sirna Atseewwaniifi abbootii irreetiin cunqursaan asii hanga asii jedhamu irra ga’aa tureefi fayyadamaa qabeenyasaa utuu hin ta’in waggaa 100 ol jiraachaa turedha. Cunqursaan suukaneessaan haalawwan adda addaatiin Saba Oromoo  irra ga’aa ture dhaloota irraa dhalootatti darbaa kan turedha jechuun ni danda’ama. Egaa kan darbe yaadachuun adeemsa boruu miidhagaa taasisuuf tola,kanaaf waan darbe wal yaadachiisuun barbaachisaadha. Sabni Oromoo Saba guddicha,kabajamaafi bu’ura sirna Federaalaawaa biyya teenya Itiyoophiyaa jedhamtu kanaati.Sirnoonni abbaa irree kanaan duraa Minilik,Hayilasilaaseefi Darguun saboota sab-lammootaafi Ummattoota Itiyoophiyaa hunda irratti akka barbaadanitti roorrisaa turaniiru. Keesumattuu roorrisni sirnoota abbaa irree kanaan   Saba Oromoo irra ga’aa ture asii hanga asiiti  jedhamuun kan himamee xumuramu miti. Sirni Minilik qabeenya lafaa babal’icfachuuf jecha Oromoota irratti duuluudhaan dhiiga Oromoo lafarra lolaaseera,

Siyaasaa fi siyaas-dinagdee

ምስል
Siyaas-dinagdeen sirna oomishaatiin walqabata.Sirna oomishaa yommuu jennu biyyi yookiin ummanni tokko of jiraachisuuf adeemsa yookiin mala oomishaa hordofan jechuudha.Addunyaa kanarratti sirni oomishaa hedduu muuxxannoo ta’uun darbaniiru.  Ammas hojiirra oolaa kan jiran baay’eedha. Fakkeenyaaf, dhalli namaa sirna jireenyaa adda addaa keessa darbeera. Sirna waliin jireenyaa, sirna bulchiinsa garbaa( slavory) sirna fiiwdaalizimii, sirna kaapitaalizimii fi sirna sooshaalizimii kan eeramaniidha. Sirnoonni kun hundinuu sirna oomishaa mataa isaanii danda’e qabu. Sirni oomishaa isaanii kun ammoo bu’uura sirna hordofaniiti. Sirni oomishaa iddoo sirni sun gahuuf akeekkateef bu’uura. Malli oomishaa fi adeemsi oomishni itti argamu kun ammoo siyaas-dinagdeedhaan ibsama. Kanaaf, siyaas-dinagdeen adeemsa oomishaa keessatti oomishni oomishamu eenyuun oomishama, akkamitti oomishamaa fi bu’aa oomishichaarraa eenyuutu fayyadamaa ta’a kan jedhuun ibsama. Fakkeenyaaf akka biyya keenyaatti

Shororkeessitoonni eenyu?

ምስል
Shororkeessitoonni biyyaa keenya eenyufa’i akka ta’an beektuu laata?.Shororkeessitoonni haala qabatamaa biyya keenyaatiin adda ba’anii beekaman kan kanatti aananii tarreefamanidha. 1.ABO 2.Ginboot 7 3.Adda bilisa baasaa biyyaalessaa Ogaadeen 4.ONLF 5.al-Shabaab dha. Dhaabbileen kun shoroorkeessitoota biyya keenyaa akka ta’an mana maree bakka bu’oota ummataatiin waggootaan dura labsameera. Akkaataa labsii kanaatiin Namni dhuunfaas ta’e dhaabbanni seera qabeessi dhaabbilee shororkeessitoota kana wajjin quunnamtii uumuun miidhaa geessise akkaataa seerri farra shoroorkaa Itiyoophiyaa ajajuun seeraan gaafatamuunsaa waan hin oolledha. Dhaabbilee kana da’oo taasifachuun adeemsaan ala gaaffiiwwan adda addaa kaasuudhaan mootummaa irrattis ta’e Ummata irratti gochoota shoroorkeessitummaa raawwachuun itti gaafatamummaa jalaa Nama hin baasu.#Ethiopia

በአንዳንድ የአገሪቱ አካባቢዎች የተከሰቱ ግጭቶች ስር ሳይሰዱ ሊፈቱ ይገባል

ምስል
የኢትዮጵያ የኃይማኖት ተቋማት ጉባኤ ኢትዮጵያ የጀመረችው የሰላምና የልማት ጉዞ እንዳይደናቀፍ በአንዳንድ አካባቢዎች የተከሰቱ ግጭቶች ስር ሳይሰዱ ሊፈቱ ይገባል አለ። የጉባዔው የበላይ ጠባቂዎችና የስራ አስፈፃሚ ቦርድ አባላት በወቅታዊ ጉዳዮች ላይ ትናንት ምሽት ከጠቅላይ ሚኒስትር ኃይለማርያም ደሳለኝ ጋር ተወያይተዋል። በውይይቱ ወቅት እንደተገለፀው በአንዳንድ አካባቢዎች እየተከሰቱ ያሉ ግጭቶች ከማህበራዊ ግንኙነት በተጨማሪ በአገሪቱ ኢኮኖሚ ዕድገት ላይ አሉታዊ ተጽዕኖ የሚፈጥሩ በመሆናቸው ስር ሳይሰዱ ሊፈቱ ይገባል። በቅርቡ ሁከትና ብጥብጥ በተከሰተባቸው የኦሮሚያ አካባቢዎች በተከሰተ የሰላም መደፍረስ የሰው ህይወት ጠፍቷል፤ መሰረተ ልማት፣ ንብረትና የኃይማኖት ተቋማትን የማውደም ተግባርም ተፈፅሟል። በመሆኑም ችግሮቹ ስር ሳይሰዱ እንዲፈቱና በአገሪቱ የተጀመረው ልማት ተጠናክሮ እንዲቀጥል የኃይማኖት አባቶች ተከታዮቻቸውን እንደሚያስተምሩ ለጠቅላይ ሚኒስትር ኃይለማርያም ገልጸውላቸዋል። የኃይማኖት መሪዎች በሰላም ግንባታና ህዝብን በማረጋጋት ስራዎች ላይ ውጤታማ ተግባር እንዲያከናውኑ ከመንግስት አካላት በቂ ድጋፍ ሊደረግላቸው እንደሚገባም የበላይ ጠባቂዎቹ ጠይቀዋል። መንግስት የመልካም አስተዳደር ችግሮችን ለመፍታት እያከናወናቸው ባሉ ተግባራት አበረታች ውጤቶች እያስመዘበ መሆኑን የገለፁት የጉባኤው የበላይ ጠባቂዎች በየደረጃው ያሉ አመራሮች በቀላሉ ሊመለሱ የሚችሉትን የህብረተሰቡ ጥያቄዎች በአፋጣኝ መፍታትና የህብረተሰቡን እርካታ መጨመር ይኖርባቸዋል ብለዋል። በኢትዮጵያ ሰላምና አንድነት እንዲኖርና የኃይማኖትም ሆነ የመንግስት ተቋማት ላይ ጉዳት እንዳይደርስ የኃይማኖት አባቶች ተከታዮቻቸውን በማስተማር ላይ መሆናቸውን የ

Sarara Diimaa bira darbuun of galaafachuudha

ምስል
Humnoonni Diina Oromoo dur durii wajjin qindoomina uuman ammas adabatanii taa’uu hin dandeenye.Gocha ergamtummaa isaanii daran cimsuudhaan itti fufaniiru. Jawaar Mahaammad ergamaa dhaaba shoroorkeessaa ABO ta’uudhaan mudhii hidhatee waan wixiffachaa jru fakkaata.Mee Jawaar ga’uumsasaa isa kamiin Saba Oromoo bilisoomsaa? Ormoon erga bilisoomee waggaan lakkaa’amaa jira.Kana kan wallaale shoroorkeessaa Jawaar Mahaammad jedhamuufi fakkaattoota isaa qofadha. Haala qabatamaa dhiyeenya kanaa asitti qabatamaan mul’achaa jiruun Jawaar Mahaammad Nama yertuu humna isaatiin olitti wixiffatu ta’uunsaa mirkanaa’eera.Diinoonni Oromoofi biyya teenya Itiyoophiyaatis haala mijaawaa waan argatan itti fakkaannaan deeggarsa maallaqaa taasisaafii jiru. Kanneen keessaa tokko Mootummaa Shaabiyaa akka ta’u wallaalee raata’edha.Raatuun kan ofiituu hin beektu Namaa biraatiif maal gochuu dandeessii? Gareen ergamtootaa Ginboot 7 keessatti walitti qabamtes Jawaar Mahaammad wayittuu akka hin l

Hundumtuu akka qaba,akka dhabuun maalif?

ምስል
Namni ilaalcha ofii qabatee taa’uun mirgadha.ilaalcha qabaniin qaama biraa miidhuuf socho’uun garuu yakka ol’aanaadha. Harcaatoonni dhaaba shoroorkeessaa ABO fi koongiransii federaalistii Oromoo wayita ammaa Oromiyaatti gocha yakkaa raawwachaa jiru. Namoonni ilaalcha ABO qaban Oromoodhaaf bu’aan buusuu danda’an tokkollee akka hin jirre beekamaadha. Gareen dhaaba shororkeessaa kana keessaa harca’eefi kanneen ilaalcha dhaabbata dulloomaa kanaa qabatanis ofumaaf akka dhabaa jiru.Humdumtuu akka qaba,maalif akka of dhabsiisuu? Akka dhabuun akkanaa kun maalif laata?Tibbana akka hubatametti biyya seeraafi heera qabdu keessatti Alaabaa mootummaa biyya bulchaa jiruu buusuudhaan Alaabaan ABO fannifamuun mul’ifameera. Kun yakka ol’aanaa akka ta’eefi adeemsa seeraan alaa akka ta’e Namoonni akkamitti hubachuu dadhabanii?moo sammuutu hojjechuufii didee laata? Hundumaafuu akka dhabuun kun xummurrisaa kan tolu akka hin taane beekuu qabu! Haala qabatamaa amma jiruun dhiphoon

Humnoonni badii shaabiyaafi qaamooa alaatiin deeggaraman jeeqamsatti hirmaataniiru.Ob.Hayilamaariyaam

ምስል
Ministirri muummichi Hayilamaariyaam Dassaalany har’a dhimmoolee adda addaa irratti ibsa kennaniiru. Ministirri muummichi ibsa kennan kanaan keesumattuu godina Arsii lixaa gandawwan tokko tokko keessatti jeeqamsi tibbana mudate bu’urrisaa gaaffii ummataa utuu hin taane humnoonni badii kaayyoosaanii milkeeffachuuf kan kaasanidha jedhaniiru. Haala mijaawaa sirni federaalaa uumetti fayyadamuudhaan Naannoo Oromiyaa iddoowwan tokko tokkotti gaaffiin sirriin akka ka’eefi gaaffiin kunis sirni federaalaa gufannaa malee akka itti fufuuf gaaffii sirrii lammiiwwan irraa dhiyaate akka ta’e obbo Hayilamaariyaam himaniiru. Mootummaan gaaffiiwwan lammiiwwan kallattii sirridhaan dhiyeessaniif deebii kennuuf hojjechaa akka jirullee ministirri muummichi mirkaneessaniiru. Humnoonni badii Mootummaa Shaabiyaafi humnoota alaatiin deeggarmaa jiran jeeqamsa kanatti hirmaachuusaanii ragaan mul’isu akka argames obbo Hayilamaariyaam himaniiru. Humnoonni kun iddoowwan tokko tokkotti qabee

የህዝቦች የመዋደድና ተቻችሎ አብሮ የመኖር ባህል ተጠናክሮ ይቀጥላል!!

ምስል
ከኦሮሚያ ብሄራዊ ክልላዊ መንግስት ኮሙኒኬሽን ቢሮ የተሰጠ መግለጫ በሀገራችንና በክልላችን ውስጥ ባላፉት የዘውዳዊና አንባገነናዊ ስርአቶች ከሚከተሉት አመለካከት የመነጨና የተሳሳተ ፖሊሲና ስትራቴጂ ስራ ላይ በማዋል ህዝቡ ሰብዓዊና ዴሞኪራሲያዊ መብቱ ተነፍጎ ለከፋ ችግርና ሰቆቃ ተዳርጎ ሲሰቃይ ቆይቷል፡፡ ሀገራችን የብዙ ብሄር ብሄረሰቦች መነኀሪያና የተለያዩ እምነት የሚያራምዱ ዜጎች የሚኖሩባት ሀገር መሆኗ እየታወቀ ሲወራረስ በመጣ ዘውዳዊ ስርአት ተጭነውት ይህንን ማንነትና ብዝሀነት በማፈን ህዝቡን ለተለያዩ መከራዎች  በመዳረግ ሲገዙት ቆይተዋል፡፡ እነኚህ አንባገነኖች አንድ ሀገር፤ አንድ ህዝብ አንድ ባህል፤ አንድ ኃይማኖትና አንድ ታሪክ በሚል ፍልስፍና ህዝቡን በሀይል በማስገበራቸውና በመግዛታቸው  ሃገራችን ለድህነት፣ ለመሀይምነትና ለኋላቀርነት እንድትጋለጥ በማድረግ የሀገራችን መልካም ስምና ገጽታ በሚያሳፍር ረሀብ፤ድህነትና ኋላቀርነት እንዲታወቅ አድርገው ነበር፡፡ ባሳለፍናቸው ሁለት አስርት አመታት ዉስጥ የዜጎች ሰብዓዊና ዴሞኪራሲያዊ መብቶች ያለአንዳች ገደብ ሊከበር ችሏል፡፡  የሀገራችን የድህነት፣ የመሀይምነትና የኋላቀርነት ታሪክ ተቀይሯል፡፡  በህዝቡና በመንግስት ቅንጅት በተሰሩ ስራዎች ሁሉን አቀፍ ሁለንተናዊ ልማት በመመዝገቡ ይህች ሀገር የምትታወቅበት የድህነት ተራራ መናድ ጀምሯል፡፡ በሀገራችን ብዙ ብሄሮች ብሄረሰቦችና የተለያዩ እምነት የሚያራምዱ ዜጎች የሚኖሩባት ሲሆን በሀገራችን ታሪክ ረጅም እድሜ ባስቆጠረው አብሮነታቸው እያዳበሩ በመጡት የመከባበር፤ የመቻቻል፤ የመፈቃቀርና የመረዳዳት እሴት በሀገር ጉዳይ ላይ በአንድነት በመቆም በልማት፤ በዴሞክራሲዊ ስርአት ግንባታና በሀገር ሰላም ማስከበር ላይ በአንድነት በመቆም