Biqiltuu dhaabbanna



Baatiin Gannaa Waxabajjiidhaan jalqabeera.Tokko lama jechuun hanga xumura Fulbaanaatti akka itti fufu ni beekama.Baatiiwwan kana keessa Biqiltuu dhaabbanna.Naannawa keenya misoomsina.Duula Ashaaraa magariisaatiin seenaa jijjiirra.

Carraaqqii waggoota darban keessa itti fufiinsaan taasifameen Biqiltuuwwan biilyoonaan lakkaa'aman dhaabamaniiru.Kanneen keessaa meeqatu late?meeqatu bade? jechuun gaafachuun sakatta'uun barbaachisaadha.
Biqiltuu ganna-ganna dhaabamaa jiruun numatu fayyadama.Faayidaan argannu ammoo hunda galeessa akka ta'e beekamaadha.Ganna baranaas duula Ashaaraa Magariisaa milkeessuuf qophiin haal duree taasifameera.Oromiyaa dabalatee naannolee gara garaa keessatti biqiltuuwwan akaakuu gara garaa qaban ni dhaabamu jedhamee eegama.Gurgurtaa biqiltuu irraayis kanneen itti qophaa'an galii dabalataa argachuuf jiru.
Ajandaan keenya ammaa duula Ashaaraa magariisaafi hidha guddicha keenyatti marsaa 3ffaaf bishaan guutuudha.Hojiiwwan kun galmasaanii akka ga'aniif hojjenna.Duulli Ashaaraa magariisaa iddoo tokko tokkotti jalqabameera.Sadarkaa guutuu biyyaatiin daran cimee itti fufa jedhamee eegama.
Guutiinis bishaanii Hidha Haaromsaa kan marsaa 3ffaas baatii tokko booda Adooleessa keessa kan raawwatamu ta'a.Hojiiwwan kun kan milkaa'an hirmaannaa hawaasa hudaatiin waan ta'eef iddoma jirrutti hirmaannaa taasisuu qabnu haa finiinsinu.
Hojiiwwan kana mamii tokko malee kutannoodhaan yoo hojjennu diina biyya keenyaa gamaa-gamana jirutu qaana'a.Akkaataa diina Itiyoophiyaa ittiin qaanessinu ammoo sirritti beekna.

አስተያየቶች

ከዚህ ጦማር ታዋቂ ልጥፎች

Ministiroota Itiyoophiyaa har'a muudaman

Ibsa Dhaabbatummaa Dh.D.U.O

Obbo Muktaar Kadir pireezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa ta’uun lammata filataman