Raabsitootaa fi gurgurtoota simmiintoo gabaa gufachiisan gabaan ala taasifaman



Raabsitootaa fi gurgurtoota simmiintoo gabaa isaa gufachiisan sirna gabaa keessaa ala taasifamuu Ministeerri Daldalaa fi Walitti Hidhamiinsa Naannawaa beeksise.
Ministirri Ministeerichaa Obbo Gabiramasqal Caalaa ibsa kennaniin, galtee ijaarsaa keessa simmintoorratti sababa namtolcheen gatiin isaa yeroorraa gara yerootti qaala’aa jiraachuu himaniiru.
Gabaan simmiintoo qaala’uuf sababa kan ta’e dhiyeessii fi fedhiin walmadaaluu dhabuu ta’uu ibsaniiru.
Proojektoonni ijaarsaa heddummaachuun dhiyeessii fi fedhii jiru gidduu garaagarummaa bal’aa kan uumeedha jedhanii, kunis gabaa isaa waliin dhahiinsaaf saaxilameera jedhan.
Kana malees, oomishtoonnii fi raabsitoonni hariiroo uummataniin mooraa warshaalee keessatti nagahee malee bittaa fi gurgurtaan raawwachuurra raabsii simmiintoo haqa qabeessa hintaane uumamuu himaniiru.
Rakkoo kana furuun oomisha simmintoo gatii madaalawaan fayyadamtootaa biraan ga’uuf mootummaan raabsitoota simmiintoo fi gurgurtootaa gabaan ala akka ta’an murteessuu Obbo Gabiramasqal himaniiru.
Proojektoonni naannolee fi federalaa kallatiin warshaaleerraa simmintoo bituu akka danda’anii fi bulchiinsa magaalotaa fi naannoleetti mankuusaawwan warshaalee akka qophaa’an himaniiru.
Fayyadamaanii fi projektiiwwan mankuusaawwn naannwaa isaaniitti simmintoo gatii warshaarraa dhiyaatuun bituu akka danda’an ministirichi hubachiisaniiru.
Seeraa daldala biyyattiitiin raabsaa bakka bu’ummaan kan hineeyyamaane ta’uu fi bakka buutonni raabsitoota simmintoos, sirna gabaa keessa akka galan akka hineeyyamamne ministirri ministeerichaa eeruu isaanii ragaan ministeericharraa argame ni mul’isa.

አስተያየቶች

ከዚህ ጦማር ታዋቂ ልጥፎች

Ministiroota Itiyoophiyaa har'a muudaman

Ibsa Dhaabbatummaa Dh.D.U.O

Obbo Muktaar Kadir pireezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa ta’uun lammata filataman