Pirezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa, Obbo Shimallis Abdiisaa Sirreeffamtoota Seeraatiif dhiifama godhan



Biyya cimaafi hariiroo hawaasummaa tasgabbii qabu ijaaruudhaaf duudhaa dhiifama gabbisuufi cimsuun haalaan barbaachisaadha. Dhiifamaan cehuu, jaalalaan ida’amuun horata cabina hawaas-dinagdee fi siyaasaa ittiin suphinuufi egeree biyya keenyaa bu’uura cimaa irratti ittiin ijaarudha. Ummanni keenya aadaa araaraa fala waaraa kennu danuu qaba. Warra nama walirraa ajjeese gumaa baasee walitti araarsa. Dhugaa abbaa dhugaaf galchuun haqa lafa qabsiisa. Duudhaa araaraa cimaa adeemsa seenaa keessatti horateen buusee gonofee hariiroo hawaasaa cimsa fayyummaa sirnaa tiksa. Dhiifamni duudhaa Oromooti. Jaalalli eenyumaa isaati. Kanaaf Mootummaa Naannoo Oromiyaa duudhaa dhiifamaa ummata Oromoo ganamaatti deebi’uuf tarkaanfii rog-daneessa fudhachuu irratti argama.
Haaluma kanaan, akkaataa Heerri mootummaa naannoo Oromiyaa keewwanni 57(3)(i) fi Labsiin Sirna dhiifamaa raawwachiisuuf bahe lakkoofsa 114/1998 keewwata 12(2)tiin Pireezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa sirreeffamtoota seeraa yeroon adabbii isaanii ulaagaa Seeraan kaa’ame guutan, Dhiira 3,419 fi Dubartii 254, walumaagalatti Sirreeffamtoota 3,673 ta’an dhiifamaan akka gadi lakkifaman murteessaniiru.
Murtoon dhiifamaa kun, sirreeffamtoota adabbii hidhaa cimaa umurii guutuu itti murtaa’e keessaa waggaa 12fi sanaa ol kan xummuran, adabbii hidhaa cimaa umurii guutuu yakkoota dhiifama hin kennisiifneefi yakka ajjeechaa gosa hundaan alatti adabbii hidhaa salphaa ji’a 3 irraa kaasee hanga hidhaa cimaa waggaa 25tti itti murtaa’e keessaa harka tokko sadaffaa fi sanaa ol kanneen fixatan hammata. Kun akka eegametti ta’ee, dhiifamichi akkaataa Heera Mootummaa RFDI fi Heera Mootummaa Naannoo Oromiyaa Keeyyata 28n sirreeffamtoota yakka dirqisiisanii gudeeduu, Butii, saamichaa fi hanna keessatti hirmaachuu isaanitiin itti murtaa’e hin ilaallatu.
Sirreeffamtoonni kunneen yakka kamuu keessatti deebi’anii kan hirmaatan yoo ta’e, dhiifamni kenname kun haal-duree tokko malee kan irraa kaafamuufi itti gaafatamummaa seeraatiif kan dhiyaatan ta’a.
Shimallis Abdiisaa Pirezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa
Waxabajjii 4/2014
Finfinnee

አስተያየቶች

ከዚህ ጦማር ታዋቂ ልጥፎች

Ministiroota Itiyoophiyaa har'a muudaman

Ibsa Dhaabbatummaa Dh.D.U.O

Obbo Muktaar Kadir pireezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa ta’uun lammata filataman