Ibsa Mootummaa Naannoo Ooromiyaa irraa kenname!





Gabaa simmintoo tasgabbeessuuf sochii taasifamu gufachiisuuf qaama socho’u irratti tarkaanfiin seeraa ni fudhatama!

Mootummaan Naannoo Oromiyaa seeraan alummaa gabaa simmittoo keessatti mul’atu sirreessuuf akkasuma gabaa tasgabbeessuuf abbootii warshaalee simmintoo naannoo keenya keessatti argaman waliin marii taasisuun rabsi simmintoo karaa waldaalee mootummaaa naannichaa gurmaa’anii akka raawwatamu waliigaltee mallatteessuun isaa ni yaadatama. Bu’uuruma waliigaltee taasifameen waldaaleen IMX beekkamtii seeraa qaban 304 magaalotaafi godinaalee Oromiyaa hunda keessatti gurmeessuun rabsi simmintoo gatii madaalawaan karaa waldaalee kanneeni hawaasa naannoo keenyaaf akka dhiyaatu haaldureen xumuramee jira.
Waan ta’eef, daldaltoonni kanaan dura rabsa simmintoo irratti bobbaatanii turtan simmintoo man-kuusaa keessaa qabdan gatii Biiroon Daldalaa Oromiyaa murteessee godinaaleefi magaalota hundaaf dabarseen gurgurtaan akka raawwattan Mootummaan Naannoo Oromiyaa cimsee hubachiisa. Koreen dhimma kana raawwachiisuuf sadarkaa sadarkaan hundeeffame to’annoo cimaa akka taasisu tarkaanfii seera qabeessa akka fudhatu kallattiin kennameera.
Abbootiin warshaalee simmintoo naannoo keenya keessatti argamtan bu’uuruma waliigaltee mallattaa’een humna guutuun oomishtanii faayidaan waloo hawaasaafi warshaalee akka mirkanaa’u, akkasumas walitti dhufeenyi warshaaleefi hawaasa naannoo sababa faddaaltotaan akka hin boorofne waliigaltee mootummaa naannichaa waliin mallatteessitan miira itti gaafatamummaa olaanaan akka bahattan barbaadama. Kun kan ta’uuf ammoo qaalayinsa jireenyaa sababa faddaltootaatiin ummata irratti fe’ame cabsuun faayidaa waloo ummata bal’aafi warshaalee mirkaneessuu dirqama waan ta’eefidha. Kanaafuu, kanaan booda waldaalee seera qabeessa rabsa simmintoottiif eeyyama argatanii alatti simmintoon karaa seeraan alatiin kuufamee argames ta’ee gatii shallagameen alatti gurguramu kamiyyuu mootummaadhaan dhaalamee gatii madaalawaa ta’een hawaasaaf kan rabsamu ta’uu mootummaan Naannoo Oromiyaa cimsee hubachiisa. Tattaaffii mootummaan gabaa simmintoo tasgabbeessuuf taasisu qaama gufachiisuuf socho’u kam irrattu tarkaanfiin seeraa kan fudhatamu ta’uu hubachiifna.
Mootummaa Naannoo Oromiyaa
Caamsaa 30/2014
Finfinnee

አስተያየቶች

ከዚህ ጦማር ታዋቂ ልጥፎች

Ministiroota Itiyoophiyaa har'a muudaman

Ibsa Dhaabbatummaa Dh.D.U.O

Obbo Muktaar Kadir pireezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa ta’uun lammata filataman