Qotannee nyaanna!

 


Tiraaktaraafi Qotiyyoodhaan qotuutu mul’achaa jira.Garaa garummaan Tiraaktaaraafi Qotiyyoodhaan qotuu hammam akka ta’eefi garaa garummaa bal’aa kan qabu akka ta’e hubachuun nama hin dhibu.Tiraaktaraan qotuun kan humna qabuuf,kan gurmaa’ee socho’uuf humna dabala.

Qonnaan bultoonni biyya keenyaa iddoowwan adda addaatti kilaatsraan gurmaa’an Tiraaktaraan qotachaa jiru.Kun ammoo omishitummaan isaanii akka dabalu taasisa.Waggoota darban keessa carraaqqii gama kanaan taasisaniin bu’aa nama boonsu akka argatan himaa turan.


Qonna Gannaa baranaatiinis kanneen kilaastaraan gurmaa’uudhaan qotachaa jiran omisha ol’aanaa arganna jechuudhaan abdatu.Abdiin isaanii waan duwwaa irraa kan ka’u miti,qabatamaadha.Tiraaktaraan qotatanii omisha dhabuun hin jiru.

Sochiin Tiraaktaraan qotachuu qonnaan bultoota biyya keenyaa babal’achaa jira.Qonnaan bultoonni hin gurmoofnes Tiraaktara dabareedhaan kireeffatanii yoo qochisiifatan qabatamaan mul’achaa jira.Garuu filatamaan kilaastaraan gurmaa’anii qotachuun bu’a qabeessa akka nama taasisu qonnaan bultoonni hedduun hubataniiru.

Kun akkuma jirutti ta’ee Qotileedhaan qotachuunis waan keessaa ba’ame miti.Dhawaataan keessaa ba’uun akka hin oolle haalli qabatamaan jiru nutti mul’isaa jira.Kanneen Qotiyyoodhaan qotaa jiranis humna horachuudhaan yeroon Tiraaktaraan qotachuu ittiin danda’an dhufaa jira.Bu’urri diinagdee Itiyoophiyaa qonna waan ta’eef hojii qonnaatiif xiyyeeffannoo kennuudhaan hojjechuun fedhii utuu hin taane dirqamadha.Qotannee nyaanna!Ofirra darbuudhaanis omisha qonnaa kanneen bitataniif biyya keessaafi biyya alaatti gabaadhaaf dhiyeessina.Bu’aa nama gammachiisu galmeessisuuf hundumtuu dirqamasaa ba’uu qaba!

 

 

 

አስተያየቶች

ከዚህ ጦማር ታዋቂ ልጥፎች

Ministiroota Itiyoophiyaa har'a muudaman

Ibsa Dhaabbatummaa Dh.D.U.O

Obbo Muktaar Kadir pireezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa ta’uun lammata filataman