Naannoo Afaarritti birriin miiliyoonni 13 ol to’atameera

 




Naannoo Affaaritti Birriin seeraan ala daddabarfamaa ture miiliyoonni 13 ol to’atameera.

Naannoo Affaar godina godina Awusaatti Birriin seeraan ala daddabarfamaa ture miiliyoonni 13 ol to’atamuun ibsameera.

Naannichatti buufata sakatta'aa aanaalee Koorii fi Cifraatti taasifameen Birriin miiliyoonni 13 fi  kuma 53 fi 490 to’atamuu Ajajaan Qajeelcha Poolisii godina Awusaa gargaaraan Komishinaraa Ahaaduu Mahaammad ibsaniiru.

Baatiiwwan sadii keessatti ashaboon seeraan ala daddabarfamaa ture kuntaalli 216fi beenzilli jaarkaanii abbaa liitira 25,saddettamni to’atamuu ibsuu ragaan Biiroo Kominikeeshinii naannichaarraa argame ni mul’isa.

Haaluma walfakkaatuun Naafxaa baarmeelli 24 fi sukkaarri kuntaalli 50 to’atamuun qorannoon irratti gaggeeffamaa jiraachuu ibsaniiru

አስተያየቶች

ከዚህ ጦማር ታዋቂ ልጥፎች

Ministiroota Itiyoophiyaa har'a muudaman

Ibsa Dhaabbatummaa Dh.D.U.O

Obbo Muktaar Kadir pireezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa ta’uun lammata filataman