Ityoophiyaa bu’uura jabaarratti ijaaruuf galma qabame milkeessuuf hojiin olaantummaa seeraa kabachiisuu cimee itti fufa-Mana Mare Tika Biyyaalessaa




Hojiin nageenyaa mirkaneessuu jalqabameen seera kabachiisuun dabalees Ityoophiyaa bu’uura jabaarratti ijaaruuf galma qabame milkeessuuf hojiin olaantummaa seeraa kabachiisuu cimee kan itti fufu ta’uu Manni Maree Tika Biyyaalessaa beeksise.
Manni marichaa haala yeroo nageenyaa fi tika biyyaalessaarratti mari’achuun ibsa kenneera.
Ibsichis akka ittaanutti dhiyaateera.
Ji’a tokko dura, Ebla 14, 2014, Manni Maree Nageenya Biyyaalessaa haala nageenya biyyaalessaa gamaaggamuun isaa ni yaadatama.
Gamaaggamni kun haala gareewwan shororkeessitootaa kanneen akka Al Shabaab, Shanee fi Juntaa ilaaleera.
Qormaata kontirobaandii, gareewwan hidhatan, miidiyaalee fi gareewwan fiinxaaleyyii siyaasaa fi miidiyaalee, fiinxaaleyyii amantii fi namoota dhuunfaa mmalaammaltoonni soda biyyarraan ga’aan ilaalleera.
Caasaan mootummaarrattis rakkoon qulqullummaa fi kutannoo akka mul’atan gamaaggameera.
Shira diinota keenya alaa fi lola bakka bu’ummaas gadi fageenyaan qorateera.
Manni Maree Nageenya Biyyaalessaa walga’ii baatii Eblaa taa’een balaa qormaatni kunneen biyyattii fi ummata isheerra ga’u xiinxaleera.
Yaaddoon nageenya hawaasaa fi tasgabbii dhabuu biyyaalessaa babal’achuu; ummanni mootummaarraa amantaa akka dhabu, sababa finxaaleyyii amantaa fi sabummaan tokkummaa biyyaa diiguuf hojjetamaa jiraachuu, humnoonni seeraan alaa hidhatan baay’achuu fi cimuun sochii dinagdee irratti qormaata ta’uu,
Gareen seeraan alaa mirga namoomaa fi hawaasummaa sarbaa jiraachuu; waliigalaan Haala seera dhabdummaan akka babal’atu haala mijaawaa uumuufiin kunis, diinota keenya alaatif carraa uume kana yeroon yoo hin furamne biyyattii garaa kufaatii hammaataaf kan geessuu ta’uu walga’ii baatii Eblaa gaggeeffameen gamaaggamamuun kan yaadatamuudha.
Namoota rakkoolee fi qorumsa uumaan callisaa fi obsaan ilaaluun sarara diimaa akka qaxxaamuran akka taasisuu itti amanamee ture.
Mootumman garaa bal’inaan ilaaluu isaa akka dadhabinaatti ilaalamuu mannii marichaa mirkaneesseera.
Uummanni mootummaan akka seera kabachiisuuf marii gaggeeffamuufii karaa bakka bu’oota isaa gaafachaa turuu manni marichaa hubateera.
Rakkoolee jiran mariidhaan ,gama jaarsolii biyyaa fi abbootii amantiitiin dhimmicha furuuf carraaqqiin taasifame buʼaa argamsiiseera.
Qaamoleen muraasnis, seeraan socho’uuf murteessuu isaanii, gara dhaabbilee nageenyaattii makamuuf akka murteessan hubateera.
Namoonni tokko tokko murtoo gara nagaatti deebi’uu fudhatan walga’iin Eblaa kabajaan simachuun kan yaadatamuudha.
Mootummaan qaamolee carraa waamichaa nageenyaan taasifameefitti hinfayyadamnee fi gochaa seeraan alaarrattii bobba’uurraa kanneen of hinqusannee mannii mare tika biyyaalessaa walga’ii baatii Ebilaatiin kallattiiwwan kaa’een garewwan eeyyaaman alaa hidhaatanirratti hojiin olaantummaa seeraa kabajchiisuu akka hojjetamu, gochoonni seeraan alaa naannwaa gargarattti mul’atan hatattamaan akka sirratan, qaamolee rogeeyyii, miidiyaa fi siyaasaa walitti bu’iinsa qabsiisuuf socho’an daandii seera qabeessa qofaa akka hordofan, hojjechuu akka barbaachisu, caasaalee mootummaa calaluu, gahee issaa kutannoofi ittigaafatamaa mootummaafi ummataan kenname akka bahatii kallattiin kaa’ame tureera.
Haaluma kanaan Mana Maree Tika Biyyaalessaa hojiilee gaggeeffaman Roobii Waxabajjii 01, 2014 walga’ii taa’een gadii fageenyaan gamaaggameera.
Akka gamaaggamichaatti, adeemsi humnoota mootummaa qofummaan aangoo seera qabeessaan itti fayyadamuuf qaamoleen gatantaran, seeraa maleessummaa gara seera qabeessummaatti akka dhufan, hojiin seera qabsiisuu haala karoorfameefi bu’a qabeessa ta’een adeemsifamaa jira.
Galmi gama kanaan kaa’ames milkaaʼaa jiraachuu mannii marichaa eereera.
Hojiilee boonsaan Naannoo Oromiyaa keessatti gaggeeffamaa jiru gareewwan Shanee barbadeessuun, gochaalee seeraan alaa dhabamsiisaa, naannoolee harka diinaa jala jiran deebisanii qabachuu, caasaa qulqulleessuu, ummata waliin mari’achuu fi sochoosuu keessatti hojiilee milkaa’ina qaban hojjetameera.
Miseensonni Shanee kumaatamaan lakkaa'aman ajjeefamuu, booji'amuu fi fedhii isaaniitiin harka kennachuu isaanii mirkanaa’eera.
Meeshaaleen waraanaa fi rasaasni guguddoo hedduun miseensota Shanee irraa booji’ameera.
Caasaa mootummaa qulqulleessuufi hojiin hoggansa gahoomsuu haala gaariin gaggeeffameera.
Naannoo Amaarrattis hojiilee hojjetamaaniin hawaasni akka boqonnaa argatu ta’uu manni marichaa gamaaggameera.
Haaluma kanaan miseensota dhaabbilee nageenyaa ganaan to’achuu, qaamolee yakkotaa gargaraa hojjetaan to’achuu, meeshaalee waraanaa faca’anii soda nageenyaa ta’an walitti qabuu, aktiivistoota hojii seeraan alaarratti bobba’an seera qabsiisuu, hawaasni qaama nageenyaa akka ta’uu marii’achiisuun gama hiriirsuutiin hojilee foyya’oon hojjetamaniiru.
Naannoo Beenishaangul Gumuzittis hojiileen nageenya hojjetaman Manni Maree Nageenya Biyyaalessaa gamaaggamamee hojiilee jajjabeessaan akka hojjetaman ilaaleera.
Hidhattoota seeraan alaa gama seera qabsiisuutiin, gochaalee seeraan alaa to’achuu, meeshaalee waraanaa seeraan alaa walitti qabuu, lammiilee buqqa’an qe’ee isaaniitti deebisuu, hojiileen hojjetaman jijjiirama olaanaa fidaniiru.
Kanumaan walqabatee, Naannoo Kibbaafi Gambeellaatti hidhattootaa seeraa qabsiisuu, sochii kontirobaandii dhaabuu, walitti bu’iinsa hawaasa gidduuttii uumamau furuu, caasaa mootummaa gama qulqulleessuutiin hojiileen haaluma karoorfamaniin gaggeeffamuu mirkaneesseera.
Naannoo Somaalee fi naannoo daangaa Oromiyaatti sochii hidhattoota Al-Shabaab qindoomina humnoota nageenyaatiin fashalaa’uu Manni Maree Tika Biyyaalessaa ibseera.
Al-Shabaab Juntaa fi Shanee waliin walitti dhufeenya uumuun irra deddeebiin yaaliin hariiroo uummachuu isaaniiooppireeshinii qaamollee nageenyaatiin fashalaa’uun mirkanaa'eera.
Humnoonni badii gurraa miidiyaalee idil addunyaa argachuuf taattafatan Finfinneetti sochi nageenya booressuu gaggeessanis dhaabbilee tikaa fi nageenyaan fashalaa’eera.
Saamichaafi yakkoota magaalaa keessarratti bobba’uun jiraattotta magaalaa kanneen rakkisaa turan hordofuun seeraaf dhiyeessuuf hojiileen hojjetamanis bu’aa qabatamaa fidaniiru.
Hojiileen eeraman hundinuus wareegama olaanaafii kutannoo cimaan kan hojjetaman yoo ta’u hojiilee kannee keessatti kan qooda fudhatan Mannii Mare Tika Biyyaalessaa ni galateeffata.
Jaallatamtoota Ityoophiyaanotaa;
Waa’ee nageenyaa fi tikaa dubbachaa qaamoleen caasaa nageenyaan ala hidhatan akka fedhan akka ta’an eeyyamuun barbaachisa miti.
Biyya keessatti humna fayyadamuun mootumma qofaaf mirga kennameedha.
Lammiileen yeroo nagaatti misoomsitootaa yeroo, gaafa waraanaa ammo loltootaa ta’uun duraanis kan tureedha.
Kan jechuun biyyi wayiita weeraramtu biyya isaaf loltuu, biyyi nagaa oggaa taatuu ammo gara seeraa qabeessatti deebi’uu jechuudha.
Dabalataan, miidiyaadhaan, aktiivistummaan, garee siyaasaa fi maqaa sabummaatiin, biyyaa diiguuf kanneen socho’aniif mootummaan kan hinobsine ta’uu beekamuu qaba.
Dhaabbileen amantaa giddugala hawaasa nagaa fi fayyaalessa uumuu malee buufataa aktiivistootaa biyyaa diiganii fi fiinxaaleyyii ta’uu eeyyamuu hinqaban.
Biyya keenyaatti badiiwwan amantaarratti fuulleffatan itti fufiinsaan hir’isuuf kan danda’amu, hundinuu dursa dhaabbata ofii keessa kanneen dhokatan qaamolee badii raawwatan da’annaa dhorkachuuni.
Kanaaf ammo hordoftoonni amantaa fi abbootiin amantaa ittigaafatamaa qaban bahachuu qabu.
Walumaa galaan hojiin nageenya mirkaneessuu, seera kabachiisuu, dabalataan badhaadhina Ityoophiyaa bu’uuraa jabaarratti ijaaruu fi milkeesuuf, hojiin olaantummaa seera kabachiisuu cimee kan itti fufuudha.
Ummannii Ityoophiyaa hundi qaamolee nageenyaa cinaa dhaabbachuun lammiileen gahee isaanirra eegamuu akka bahatan Manni Maree Tika Biyyaalessaa waamicha dhiyeessa.
Mana Maree Tika Biyyaalessaa
Waxabajjii 01, 2014
Finfinnee.

አስተያየቶች

ከዚህ ጦማር ታዋቂ ልጥፎች

Ministiroota Itiyoophiyaa har'a muudaman

Ibsa Dhaabbatummaa Dh.D.U.O

Obbo Muktaar Kadir pireezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa ta’uun lammata filataman