Tilmaama daawwannaa Obbosaanjoo

 

 


Oluseeguun Obbosaanjoo pireezidaantii Naayijeeriyaa kanaan duraafi Naannawa Gaanfa Afrikaatti ergamaa addaa Gamtaa Afrikaati.Tibbana Maqalee akka turan dhaga’ameera.Turtii Maqaleetti taasisaniin oduu himaan garee shororkeessaa TPLF/wayyaanee Getaachoo Raddaa Obbosaanjoon hoogganaa garee shororkeessaa Dabratsiyoon Gabramikaa’eel wajjin akka mari’atan ibsuu bira darbee dhimma marii ilaalchisuun wanti tibbana jedhe hin jiru.

Magaalaa Maqalee irraa gara Finfinneetti deebi’uudhaan har’a ammoo muummicha ministiraa Itiyoophiyaa Dr.Abiy Ahmadiifi qondaaltoota mootummaa kanneen biroo wajjin Naannoo Oromiyaa godina Baalee Roobee dhaqaniiru.

Obbosaanjoon Magaalaa Roobeetti kan argaman afeerraa Mootummaa Itiyoophiyaatiin akka ta’e ni beekama.

Gareen ergamaan muummicha ministiraa Dr.Abiy Ahmadii fi pireezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa ob.Shimallis Abdiisaatiin hoogganame har’a ganama godina Baalee Magaalaa Roobee kan gale waa malee hin ta’u.Sochii misoomaa Baaleen qabdu beeksisuun kayyoo ol’aanaa ta’uu danda’a.

Garee qondaaltotaa kana wajjin muummichi ministiraa kanaan duraa ob.Hayilamaariyaam Dassaalanyiifi qondaaltoonni kanneen biroos akka jiran beekameera.

Qondaaltoonni kun kan daawwatan hojiiwwan misoomaa godina Baaleetti hojjetaman keessumattuu misooma Qamadii Baalee daawwachuu danda’a.Baale Roobe galuusaatiin ala godichatti maalfa’i akka daawwatan hanga ammaatti waan hin himamneef Qamadii Baale ittiin beekamtu daawwatu jechuudhaan ala ammaaf wanti jedhamuu danda’u hin jiru.

Maqaleetti Dabratsiyoon wajjin kan mari’atan Oluseeguun Obbosaanjoon Finfinneetti ammoo muummicha ministiraa Itiyoophiyaa Dr.Abiy Ahamd wajjin mari’achuun isaanii waan hin oolledha.Dhimma araaraa irratti deebiin Dr.Abiy kennaniif haal-dureen kaa’an ammaaf maal akka ta’e beekamuu baatus,waa jedhamuun akka hin oolle shakkuun ykn. tilmaamuun nama hin dhibu.

Dhimma marii nagaa irratti ministirri dhimmoota komunikeeshinii Mootummaa Dr.Laggasa Tulluu ibsa addatti Faanaa Biroodkaastiing Korporeetiif kaleessa kennaniin Mootummaan Itiyoophiyaa garee shiftaa kamiyyuu wajjin mariin nagaa taasisu gonkumaa akka hin jirre mirkaneessaniiru.Ejjennoon isaan ifoomsan kun ejjennoo Mootummaa Itiyoophiyaa akka ta’e ni beekama.

Obbosaanjoo akka hoggansi TPLf kanaan dura taasisee isaan arrabseenitti isaan hin mufachiifnu ol’aantummaa seeraa kabajisiisaa hojiin misoomaa hojjechaa jirru maal akka fakkaatu itti mul’isuu akka wayyu mala malachuudhaan tooftaa mootummaan fayyadame ta’uu danda’a.

Itiyoophiyaan shororkeessitoota biyya keessaafi biyya alaa of irraa qolachaa sochii misoomaafi guddinaa finiinsuudhaan akka itti fuftee jirtu Obbosaanjoofi qaamoleen kanneen biroos akka daawwatan akka hubatan taasisuun humni ga’oomuu Itiyoophiyaa sadarkaa maalirra akka ga’e mul’isuun faayidaa guddaa qaba.

Akka biyyaatti waan qabnu beeksisuu irratti muuxannoon qabnu kanaan dura dadhabaadha.Dr.Abiy Itiyoophiyaa hoogganuu erga jalqabanii asitti qabatamaan jijjiiramaa akka jiru kan dhimmicha xiinxalee ilaaletu hubata.

Hundumaafuu dhimmi wayyaanee wajjin mari’achuu waan yaadamu hin fakkaatu.Wayyaaneen waraanaaf of qopheessuu turtee jirti.Waraana malee jiraachuu akka hin dandeenye sochii qabaatamaan taasisaa jirtuun mul’isaa jirti.

Marfamnee taa’uu hin dandeenyu jechuun Mootummaa Itiyoophiyaafi Eertiraa tuttuquufi sochii dubbii barbaachaa taasisaa akka jirtu hubatamaa jira.Hoj-manee kana gooftolii isaanii warra lixaa irraa fudhachuudhaan hojiirra oolchaa akka jiran inuma beekama.

Adeemsa shiraa duruu beeku waan ta’eef shiraan deemuudhaan injifannoo galmeessifachuuf socho’aa akka jiran beekamaadha.Xiyyeeffannoon isaan amma qaban karra galaanaa bansiisuudha.Silaa of danda’uudhaan biyya taanu malee jechaa jiru mitiiree?Kanaaf Eertiraa humnaan ilaaluudhaan buufata Asab kan ofii taasifachuu fedhan.Fedii isaanii kana guuttachuuf wixiffachaa jiru.

Hogantoonni garee shororkeessaa TPLF dhimma maree Nagaa Mootummaa Itiyoophiyaa wajjin taasifamu irratti fedhii hin qabaatan,kaayyoon isaanii ol’aanaan biyya ta’uudha waan ta’eef dhimma kanaaf yeroo hin balleessan.Tarii kan yaadan yoo ta’ellee haal-dureewwan hedduu tarreessuudhaan mootummaa Itiyoophiyaa irratti dhiibbaa taasisuu yaaluun isaanii waan hin oolledha.Fuulduratti waan ta’u walumaan kan agarru ta’a.

አስተያየቶች

ከዚህ ጦማር ታዋቂ ልጥፎች

Ministiroota Itiyoophiyaa har'a muudaman

Ibsa Dhaabbatummaa Dh.D.U.O

Obbo Muktaar Kadir pireezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa ta’uun lammata filataman