Ibsa Tajaajilli Kominikeeshinii Mootummaa kenne



Qaamolee nageenya booreessuuf socho'anirratti tarkaanfii fudhachuuf mootummaan ga'umsa amansiisarratti kan argamu ta'uu Tajaajilli Kominikeeshinii Mootummaa beeksiise. 

Ministirri Tajaajila Kominikeeshinii Mootummaa Dooktar Laggasaa Tulluun turtii Faanaa Broodkaastiing Korporeeshinii waliin taasiisaniin, mootummaan Qaamolee nageenya booreessuuf socho'anirratti tarkaanfii fudhachuuf  ga'umsa amansiisarratti kan argamu ta'uu ibsaniiru. 

Magaaloota gurguddoo keessatti mootummaan hawaasa waliin marii hedduu taasiisuu eeruun, saamichi gurmuun raawwatamu, ajjeechaa, buqqaatii fi haalli nageenyaa hawaasaaf sodaa olaanaa ta'uu ummanni marichaan kaasuu himaniiru. 

Mootummaan rakkoolee kanneen furuuf federaalaa hanga naannootti bifa qindaa'een magaalaa Finfinnee dabalatee kutaalee biyyattii hunda keessatti tarkaanfii olaantummaa seeraa kabachiisuu fudhachaa jiraachuu Dooktar Laggaseen ibsaniiru. 

Mootummaan rakkoo caasaa nageenyaa keessatti mul'atu furuuf qofa osoo hin taane qocholaa qaama kamiiyyuurraa aggaamamu hunda qolachuuf ga'umsa amansiisaa fi humna guutuu qabaachuu himaniiru. 

Kanaafis ummanni shakkii keessa galuu akka hin qabne  Dooktar Laggasaa Tulluu hubachiisaniiru.

አስተያየቶች

ከዚህ ጦማር ታዋቂ ልጥፎች

Ministiroota Itiyoophiyaa har'a muudaman

Ibsa Dhaabbatummaa Dh.D.U.O

Obbo Muktaar Kadir pireezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa ta’uun lammata filataman