Daawwannaa Adde Adaanach Abeebee......

 


Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanachi Abeebee rakkoolee jiraattoota magaalichaa furuuf kan yeroo kamiyyuu caalaa kutannoon hojjechaa jirra jedhan. 

Aadde Adaanachi Abeebee, Kutaa Bulchiinsa Magaalaa Qirqoos keessatti pirojektoota guyyoota 60 keessatti xumuruuf hojjetamaa jiran daawataniiru.

Aadde Adaanach, hojiileen hedduun yeroo qabameef keessatti hojjatamaa jiraachuu himanii, haaluma ummata keenyaaf waadaa galleen boqonnaa tokko malee guyyaafi halkaniin hojjenne tajaajila ummataatiif akka oolan ni taasisna jedhan.

Daawwannaa pirojektootaan cinattis kenniinsa tajaajilaatiin walqabatee rakkoolee manneen hojii mootummaa keessatti mul’atan aanaalee irra naanna’uun daawwataniiru.

አስተያየቶች

ከዚህ ጦማር ታዋቂ ልጥፎች

Ministiroota Itiyoophiyaa har'a muudaman

Ibsa Dhaabbatummaa Dh.D.U.O

Obbo Muktaar Kadir pireezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa ta’uun lammata filataman