Ibsa Ob.Gizaachaw Mulunah

 

Hoogganaan biiroo komunikeeshinii Naannoo Amaaraa obbo Gizaachaw Mulunah hojiin seera kabajisiisuu daran cimee akka itti fufe ibsa har'a kennaniin mirkaneessaniiru.Mormiin qaamoleen gara garaa hojii ol'aantuummaa seeraa kabajisiisuu irratti dhageessisaa jiran fudhatama kan hin qabne akka ta'e obbo Gizaachoon himaniiru.Tarkaanfiin ol'aantummaa seera kabajisiisuu cimee kan itti fufu akka ta'es hoogganaan biirichaa mirkaneessaniiru.Tarkaanfiin fudhatamaa kan jiru Faannoo dhugaa irratti utuu hin taane gareewwan maqaa Faannootiin daldalan irratti akka ta'es dubbataniiru.kanneen Naannoo Amaaraatti gochoota seeraan alaatti hirmaachuun too'annoo jala oolfaman keessaa kuma 1 kan caalan caasaawwan mootummaa naannichaa keessatti kan beekaman akka ta'anis eeraniiru. 

አስተያየቶች

ከዚህ ጦማር ታዋቂ ልጥፎች

Ministiroota Itiyoophiyaa har'a muudaman

Ibsa Dhaabbatummaa Dh.D.U.O

Obbo Muktaar Kadir pireezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa ta’uun lammata filataman