Diinni Itiyoophiyaa irratti maalif xiyyeeffate?

 



Dubbii kana qalbeeffachuun,xiinxaluudhaan ilaaluun barbaachisaadha.Diinni keessaafi alaa Itiyoophiyaa irratti xiyyeeffachuudhaan Ummanni rakkoolee heduudhaan akka dararamu taasisaa kan jiru Itiyoophiyaan biyya jijjiiramaa jirtuufi hiyyummaa keessaa ba’uuf abdii qabatamaa qabdu waan taateef akka ta’e beekamuu qaba.

Dhugaa kana beekuun qofaan gahaa miti.Lammiin biyyaa waan kana qalbeeffate biyyasaa shira diinaa irraa eeguu qaba.Kanaaf ammoo lammiin biyyaa hundumtuu dirqama qaba!Diinni Itiyoophiyaa sadarkaa kamirrattuu argamu imala guddinaa Itiyoophiyaa dhaabsisuuf wixiffannaa taasisu qolachuun kaayyoon diinaa akka hin milkoofneef shira diinaa hubachuudhaan socho’uun waan yeroon kennamuuf miti.

Raayyaan ittisaa Itiyoophiyaa sochii diinaa qolachaa jira.Diina keessaafi alaa gahuumsaan qolachuuf qophaa’ummaan Raayyaan Itiyoophuyaa qabu daran ol’aanaa akka ta’es ni beekama.Nutihoo maal gochuu qabna?

Akka lammii Itiyoophiyaatti nutis damee hojii itti bobbaane irratti hojii bu’a qabeessa ta’e hojjechuudhaan carraaqqii guddina diinagdee Itiyoophiyaa saffisiisuuf taasifamaa jiruuf shoora gama keenyaa gumaachuu qabna.

አስተያየቶች

ከዚህ ጦማር ታዋቂ ልጥፎች

Ministiroota Itiyoophiyaa har'a muudaman

Ibsa Dhaabbatummaa Dh.D.U.O

Obbo Muktaar Kadir pireezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa ta’uun lammata filataman