Rakkoo qaala'insa gatii Simintoo furuuf Warshaalee Simintoo Oromiyaa keessaa hojjetan waliin sanadni waliigaltee mallatteeffame

 Mootummaan Naannoo Oromiyaa rakkoo qaala'insa gatii Simintoo furuuf Warshaalee Simintoo Oromiyaa keessaa hojjetan waliin sanada waliigaltee mallatteesse.

Mootummaan Naannoo Oromiyaa akkaataa oomishni Simintoo Oromiyaa keessaa gabbifamuufi rakkoon qaala'insaa sirreeffamuuf qaamolee dhimmi ilaallatu wajjin mariyataa tureera. 

Bu'uuruma kanaan bakka Pirezedaantiin Itti Aanaan Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Awwaluu Abdiifi Ministiirri Albuudaa Injinar Taakkalee Uumaa argamanitti Dhaabbilee Indaastirii Simintoo waliin sanadni waliigaltee mallatteeffameera.


Pireezidaantii Itti Aanaan Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Awwaluu Abdii rakkoowwan qoratamaa turanirratti ibsa kennaniiru. Gatiin Oomisha Simintoo biyyattii keessatti qaala'uun rakkoo waliigalaa akka Addunyaatti muudate, rakkoo biyya keessaa dhiibbaa oomishaa xiqqeessuu eeraniiru. 

Rakkoo oomishaafi oomishtummaa muudate keessaa rakkoo keessoo dhaabbilee oomisha keessaa, rakkoon faddaaltota seeraan alaas ibsameera. Rakkoon nageenyaa omishaafi oomishtummaan akka gadi bu'us sababa akka ta'e Obbo Awwaluun ibsaniiru. 

Mootummaan Naannoo Oromiyaa rakkoo nageenyaa Naannoo Indaastiriifi sochii dhimma kanaaf taasifamuu amansiisaa gochuuf kallattii kaa'ameen milkaa'inni argameera jedhan.

Dhaabbilee warshaa keessa taa'uun hojii oomisha xiqqeessuu kan hojjetaniifi gatii akka qaala'u mijeessan irratti qorannoo gaggeeffameen tarkaanfiin fudhatameera. Maqaa ejentootaatiin rakkoo faddaaltonni seeraan alaa geessisaa turan to'achuufi rakkoo raabsaafi geejjibaa sirreessuuf Mootummaan Naannoo Oromiyaa hoji dhabdoota IMX' gurmeessuun wadaalee 300 ol akka bobba'anii hojjetan haalli mijaa'eeraa jedhan. 

Waldaalee kunneeniif gurmaa'nsi seera qabeessaa, sheediiwwan bakka hojiifi dhiyeessiin faayinaansii karaa Baankii Siinqeefi kanneen biroo haalli mijaa'eera. Kanaafis Caamsaa 25/2014 irraa eegalee kan hojiirra oolu yoo ta'u hojiirra oolmaa kallattii taa'eef qaamolee nageenyaa waliin kan hojjetamu akka ta'e Obbo Awwaluun ibsaniiru.


 Kana booda gatiin Simintoo %10 qofa buufachuun fayyadamtoota bira kan dhaqqabu ta'uun ibsameera.

Ministirri Albuudaa Inj. Taakkalee Uumaa gama isaaniitiin rakkoo qaala'insa Simintoo to'achuuf tarkaanfichi murteessaa ta'uu dubbatan. Oomishaafi galtee oomishaa dabaluu rakkoo seermaleessummaa sirna daldala Simintoo keessaa dhaabsisuufi bu'aan oomishaa gatii madaalawaafi akkataa fedhii barbaachisu guutuun danda'amutti fayyadamtoota qaqqabsiisuun kaayyoo waliigaltee taasifamee akka ta'e ibsan. 

Hojiin akka Naannoo Oromiyaatti hojjetame rakkoo sadarkaa biyyaatti jiru furuuf muuxannoo guddaafi isa bu'uuraati jechuun ibsaniiru.OBN'tu gabaase.

አስተያየቶች

ከዚህ ጦማር ታዋቂ ልጥፎች

Ministiroota Itiyoophiyaa har'a muudaman

Ibsa Dhaabbatummaa Dh.D.U.O

Obbo Muktaar Kadir pireezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa ta’uun lammata filataman