Bajanni Mootummaa Federaalaa bara 2015 birrii biliyoona 700fi biliyoona 86 kan caaludha

 


Manni Maree Ministirootaa Walga’ii idilee 9ffaa har’a gaggeesseen Wixineen Baajata mootummaa Federaalaa bara 2015 Birrii biiliyoona dhibba 7 fi biiliyoona 86 fi miiliyoona dhibba 6.1 akka ta’u murteesseera.
Haaluma kanaan Baajata baasii idilee Birrii biiliyoona dhibba 3 fi biiliyoona 47.12, baasii kaappitaalaaf Birrii biiliyoona dhibba 2 fi biiliyoona18.11, deeggarsa naannoleef Birrii biiliyoona dhibba 2 fi biiliyoona 9.38, akkasumas galmoota misoomaa itti fufaaf Birrii biiliyoonni 12 qabamuu ibsameera.
Waliigala Baajanni mootummaa Federaalaa bara 2015 Birrii biiliyoona dhibba 7 fi biiliyoona 86 fi miiliyoona dhibba 6.1 ta’uun dhiyaateera.
Baajanni bara 2015 dhiyaate kun kan bara darbeen yoo madaallame Birrii biiliyoona dhibba 1 fi biiliyoona 11.94 caalmaa qabaachuu ibsameera.
Manni Marichaas Wixinee baajata dhiyaateerratti mari’achuun galteewwan dabalataa dabalamuun Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataaf dhiyaatee akka ragga’u sagalee guutuun murteesseera.

አስተያየቶች

ከዚህ ጦማር ታዋቂ ልጥፎች

invastimantii Oromiyaa caalmatti cimsuuf qajeelfamni dambii haaraan ba'ee hojiirra ooluu eegaleera

የዶ/ር ነጋሶ “የኦሮሞ ህዝብ ታሪክ” መፅሐፍ

ቤተ መንግሥት ድረስ ገብተው ጉድ ሊሰሩን የነበሩ የሠራዊቱ አባላት መኖራቸውን ካሰብን......