Ol'aantummaan seeraa hundumaan kabajamuu qaba!


Seera cabsuudhaan ol'aantummaa seeraa kabajisiisuun waan danda'amu miti.Qaamoleen ol'aantummaa seeraa kabajisiisanis seera kabajuun akka hojjetaniif hubannoo gahaa akka qabaataniif hojjetamuu qaba.Dogongora tasa mudatuun Mootummaan Badhaadhinaan hogganmu komatamuu hin qabu!

Ol'aantummaan seeraa qaama hundumaan kabajamuu qabudha.Mudannoon kaleessaa tokko namoota akka mufachiise hubatamaa jira.Gaazexeessitoota tibbana yakkaan shakkamuudhaan hidhamanii dhimmisaanii ilaalamaa ture keessaa kanneen muraasni maqaadhaan dha'aman wabii birrii kuma 10 kaffaluudhaan akka gadi lakkifamniif dhaddachi mana murtee dhimmi isaanii itti ilaalamuu akka murteesse gabaafameera.

Odeeffannoon kun erga dhag'amee booda ammoo poolisiin dhimma isaanii qorachaa jiru ol'iyyata gaafachuudhaan Gaazexeessitoonni wabiidhaan akka gadi lakkifamaniif dhaddachi murteesseef akka gadi hin lakkifamne himamaa jira.Poolisiin battalumatti ol'iyyata gaafachuu hin danda'u turee?Maalif gara duubaatti deebi'uudhaan wantoonni hawaasa keessatti burjaaja'uumsa uuman raawwatamu?

Hanqina tasa mudatuun mootummaan Paartii keenya paartii badhaadhinaatiin hoogganamu komtamuu hin qabu.Gochoota akkanaa irraa of qusachuudhaan fudhatamummaa Mootummaan hawaasa biratti qabu eeguufi kunuunsuun barbaachisaadha.Tarii caasaa haqaa keessa taa'uudhaan qaawwa uumuu kan barbaadan yoo jiraatanis dhimmicha sakatta'uudhaan gara murtee waaraafi waan hunda komiif hin kakaasne hojjechuun barbaachisaadha.


አስተያየቶች

ከዚህ ጦማር ታዋቂ ልጥፎች

Ministiroota Itiyoophiyaa har'a muudaman

Ibsa Dhaabbatummaa Dh.D.U.O

Obbo Muktaar Kadir pireezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa ta’uun lammata filataman