Filatamuu Itiyoophiyaafi mira diinawwanshee
Waldaan Mootummoota Addunyaa diigamuun dhaabbanni Mootummoota gamtoomanii amma jiru wayita hundeeffamu ardii Afrikaa keessaa miseensa ta’uudhaan kan hundeessan Itiyoophiyaafi Laayibeeriyaa qofaadha.Kun ta’uu kan danda’e Itiyoophiyaafi Laayibeeriyaan wayita sanatti biyyaalee ardii Afrikaa keessaa koloneeffattoota Awurooppaatiin kan hin bulle waan ta’aniifi.Biyyaaleen Awurooppaa kanneen biroo baay’oonni bittaa koloneeffannoo biyyaalee Awurooppaa jala waan turaniif hundeessitoota dhaabbatichaa ta’uuf hin carroomne. Dhaabbatichi hundeeffamuun sochii erga eegalee asitti Itiyoophiyaan yeroo lama mana maree tasgabbii dhaabbata mootummoota gamtoomanii keessatti filatamuudhaan tajaajiltee jirti.Kunis kan ta’e akka lakkoofsa warra Awurooppaa bara 1967-1968,akkasumas bara 1989-1990’tti Itiyoophiyaan miseensa mana maree tasgabbii ta’uudhaan hawaasa idila Addunyaa tajaajiltee jirti. Kunoo kaleessas marsaa sadaffaadhaan miseensa mana marichaa ta’uun waggoota lamaaf tajaajiluuf biyyaalee ard...